Barataa Kaalid Qaasim osoo qormaata kutaa 8ffaa fudhatuu haati isaa… — ABC News Afaan Oromoo — TG.ME

Barataa Kaalid Qaasim osoo qormaata kutaa 8ffaa fudhatuu haati isaa irraa boqotteef manni jireenyaa kenname

Finfinnee, Hagayya 28, 2018 - Biiroon Barnootaa Oromiyaa barataa Kaalid Qaasim osoo qormaata kutaa 8ffaa fudhatuu haati isaa du’aan irraa boqotteef mana jireenyaa ijaarsise kenneera.

Guyyaa har'aa Biiroon Barootaa Oromiyaa hojii tajaajila lammummaan Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Ekkaa Xaafootti deeggersa midhaan nyaataafi meeshaalee deeggersa barnootaa maatii barattoota harka qalleeyyiif taasiseera.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo wal-harkaa fuudhinsa kanarratti akka jedhanitti, hanga fedhe rakkatanis barattoonni barumsa addaan kutuu akka hin qabne dhaamuun, rakkoo barataa Kaliid qunname furuuf manni jireenyaa ijaaramee kennamuu ibsaniiru.

Hojiin tajaajila lammummaas aadeffamuu akka qabu kaasuun, namni har'a gargaaramu bor deebi'ee namaaf gaaddisa ta'uu akka danda'uufi tokkummaafi qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta'uu yaadachiisaniiru.

Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa'imman Oromiyaa Aadde Maabraat Baacaa gama isaaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa humna waloon walbira dhaabbachuun rakkoo hawaasummaa tajaajila lammummaan furuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Ganna kana hanga ammaatti barattoota miliyoona 3.5 ol ta'aniif deeggersi meeshaalee barnootaa kennamuu eeraniiru.

Manneen kuma 38 ta'anis guutuu Oromiyaatti ganna kana kan ijaaraman ta'uus ibsuusaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaa irraa argame ni mul’isa.

Biiroon Barnoota Oromiyaa harka qalleeyyiif deeggersa nyaataafi meeshaalee barnootaa Birrii miliyoona 10.2 oliin bituun kan qoode yoo ta'u, Manni barataa Kaalidiifi obboloota isaaf dabarfamee kennames kan sadarkaa isaa eeggate meeshaalee manaa guutuu dabalatee Birrii miiliyoona 8.6 oliin xumuruun dabarsee kenneera.

Kaalidiifi obboloota isaaf deeggarsi maallaqaa hawaasa naannoo irraa walitti qabame Birriin miiliyoonni 1.6 dabtara qusannoo isaaniirra galuus ibsameera.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇

@Abcoromoo💌
❤3
September 3, 2026 831