Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa ga’ee isaa biyyaalessaa fi… — ABC News Afaan Oromoo — TG.ME

Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa ga’ee isaa biyyaalessaa fi hawaasummaa ba’achaa jira - Liqa Tiguhaan Qeesis Taagaay Taaddalaa

Finfinnee, Hagayya 26, 2018 (FMC) - Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa itti-gaafatamummaa isaa biyyaalessaa fi hawaasummaa bahachaa jiraachuu Barreessaa Olaanaan Yaa’ichaa, Liqa Tiguhaan Qeesis Taagaay Taaddalaa ibsan.

Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa ayyaana hundeeffama isaa waggaa 15ffaa fi Yaa’ii Waliigalaa 18ffaa gaggeessaa jira.

Barreessaa Olaanaan Yaa’ichaa, Liqa Tiguhaan Qeesis Taagaay Taaddalaa, adeemsa Yaa’ichaa waggoota darban ilaalchisee ergaa dabarsaniin, Yaa’ichi nageenyi guutuu biyyattii keessatti akka mirkanaa’uuf gahee isaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.

Rakkoolee furuuf waliin hojjechuun filannoo biraa kan hin qabne ta’uu amanuun, abbootiin amantaa waliin hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Yaa’ichi naannolee adda addaatti walitti bu’iinsi akka hin uumamneef hojjechaa, gaaffileen yoo jiraatanis mariin karaa nagaa akka furaman agarsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Hawaasa walitti fiduu fi araarsuu irratti hojiiwwan bal’aan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Naannolee walitti bu’iinsi mudateetti saffisaan qaqqabuun, tasgabbii uumuu fi qaamolee miidhaman jajjabeessuun Yaa’ichi uummata deggeraa jirachuu ibsaniiru.

Yaa’ichi itti-gaafatamummaa hawaasummaa isaa sirnaan bahachaa akka jiru eeruun, yaa’iiwwan biyyaalessaa fi idil-addunyaa qopheessuun bu’aa olaanaa galmeessisuu isaas ibsaniiru.

Faayidaa biyyaafi uummataatiif xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu akka itti fufus cimsanii hubaciisaniiru.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇

@drhoneliat12em💌
September 1, 2026 617