Hojii miidiyaafi kominikeeshinii hojjetameen oduufi olola sobaa… — ABC News Afaan Oromoo — TG.ME

Hojii miidiyaafi kominikeeshinii hojjetameen oduufi olola sobaa qolachuun danda’ame- Obbo Hayiluu Addunyaa

Finfinnee, Hagayya 23, 2018 (FMC)- Hojii miidiyaafi kominikeeshinii hojjetameen oduufi olola sobaa qolachuun danda’ameera jedhan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa.

Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa waltajjii Fooramii waloo miidiyaaleefi Qunnamtii Uummataa waliin dhimmoota raawwii karooraa bara 2018fi qophii karoora bara 2019 irratti marii geggeesseera.

Obbo Hayiluu Addunyaa wayita kana miidiyaan humna guddaa addunyaan guddina ariifataa gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaan akka galmeessitu taasisaa jiru ta’uu ibsaniiru.

Guddina teeknoloojii odeeffannoo wajjin walqabatee miidiyaan ogeessota ga’umsa qabaniin guutamaafi meshaalee ammayyaa hidhachaa dhufuu isaaniitiin odeeffannoon bakkaafi yeroon osoo hin daangeffamin lammilee bira ga’aa jiraachuu dubbatan.

Haa ta'u malee, qabiyyeen oduufi odeeffannoo dhugaa fakkaatan garuu dhugaa hin taane guyyaa guyyaan uumamaa fi tamsaafamaa jiraachuu eeraniiru.

Akka naannoo Oromiyaatti Fooramiin Miidiyaafi Quunnamtii Uummataa hundeeffamuu hordofee hojii miidiyaafi kominikeeshinii hojjetamaa dhufeen oduufi olola sobaa qolachuun danda’amuus eeraniiru.

Bara hojii 2018 keessattis hojiin miidiyaafi kominikeeshinii sadarkaa biyyaafi naannootti hojjetameen milkaa’inni galmaa’uu kaasanii, Fooramii keenyaan waltumsuun odeeffannoo naannichaa waaltessuun danda’ameera jedhaniiru.

Marii Biyyaalessaa biyyattii gara boqonnaa haaraatti ceesisaa jiruufi Filannoo Waliigalaa 7ffaa irratti hojii guddaan hojjetamaa akka ture ibsuusaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa agame ni mul’isa.

Hoogganaa Itti aanaa Biirichaa Obbo Isheetuu Sirneessa gama isaaniin, milkaa’inoota Miidiyaafi Qunnamtii Uummataa bara 2018 keessatti galmaa’an daran cimsuun itti fufsiisuuf, akkasumas hariiroo fi tumsa jiru caalmaatti jabeessuuf xiyyeeffannoon addaa ni kennama jedhan.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌
❤2
August 29, 2026 932