Israa'el Haleellaa Qilleensaa Kibba Gaazaatti Raawwatteen Ajajaa Olaanaa Hamaas 'Samir Abu Younis' Ajjeesuu Beeksiste; Hamaasis Du'a Isaa Mirkaneesse!
Waraanni Israa'el (IDF) haleellaa qilleensaa halkan Sambataa kibba Gaazaa irratti raawwateen ajajaa olaanaa damee waraanaa Hamaas (Biriigeedii Al-Qassaam) kan ta'e Samir Mahmuud Hasan Abuu Yuunisajjeesuu isaa ifoomseera. Hamaasis ibsa har'a baaseen ajajaan Biriigeedii Rafaah kan ta'e Abuu Yuunis (Abu Mahmuud jedhamuunis kan beekamu) umrii isaa waggaa 53tti haleellaa kanaan ajjeefamuu mirkaneessuun, sirni awwaalcha isaa har'a waaree booda magaalaa Kaan Yuunis keessatti akka raawwatamu beeksiseera.
Akka gabaasa ogeeyyii fayyaa Gaazaa fi ibsa waraana Israa'elitti, haleellaan kun kan raawwatame kibba Gaazaa magaalaa Kaan Yuunis naannawa 'Al-Mawasi' jedhamutti wayita Abuu Yuunis daandii irra deemaa turettidha. Waraanni Israa'el magaalaa Rafaah guutummaatti waan to'ateef, ajajaan kun magaalaa ollaa kan taate Kaan Yuunis keessaa socho'uun waraana Hamaas kan Rafaah hoogganaa ture. Israa'el akka jettetti, Abuu Yuunis caasaa waraanaa Hamaas deebisee ijaaruu fi haleellaa haaraa qindeessuu irratti bobba'ee osoo jiruu rukutame.
Samir Abuu Yuunis bara 1991 damee waraanaa Hamaasitti kan makame yoo ta'u, haleellaa Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti raawwatame qindeessuu fi hoogganuu keessatti ajajoota ijoo turan keessaa tokko ta'uu Hamaas ibseera. Ajajaan kun hoogganaa Biriigeedii Rafaah ta'ee kan muudame ji'oota lama dura, erga ajajaan isa dura ture Naa'el Abuu Obeeyid Fulbaana 15, 2026 haleellaa qilleensaa Israa'eliin ajjeefamee booda ture. Kunis erga waraanni eegalee asitti ajajaa Biriigeedii Rafaah sadaffaa Israa'el ajjeeste isa taasisa.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Onkoloolessa bara 2025 irra ga'ame waraana guutuu Gaazaa keessatti dhaabsisus, Hamaas hidhannoo hiikkachuu diduu isaa hordofuun Israa'el haleellaa ajajoota garee kanaa irratti raawwachuu itti fufteetti. Akka ragaan Biiroo Fayyaa Gaazaa agarsiisutti, erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu sun mallatteeffamee asitti qofa lammiileen Falasxiin 1,600 ol haleellaa Israa'eliin kan ajjeefaman yoo ta'u, gama Israa'eliitiin loltoonni 5 ajjeefamaniiru.
💙°°°°°💚°°°°°❤️°°°°👇👇
@waf37fspainbv💌














