Gosoonni Barnoota Ogummaa Haaraa 11 Bara Barnootaa 2019 Irraa Eegalee… — Yooyyaa Media — TG.ME

Forwarded fromMEMedia Show Official
Gosoonni Barnoota Ogummaa Haaraa 11 Bara Barnootaa 2019 Irraa Eegalee Hojiirra Oolan Ifoomfaman!

Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa bara barnootaa 2019 (A.L.I) irraa eegalee barattoota kutaa 11ffaaf gosoota barnoota ogummaa fi hojii haaraa 11 hojiirra kan oolan ta'uu ifoomsuun, biirooleen barnootaa naannoolee fi bulchiinsa magaalotaa qacarrii barsiisotaa dabalatee qophii duraa barbaachisaa ta'e hunda akka taasisan qajeelfama dabarseera. Akkaataa kallattii pooliisiin barnootaa fi leenjii haaraan barnoota ogummaa sadarkaa duraa irraa eegalee hammachiisuuf kaa'een, marsaa lammaffaaf gosoota ogummaa 11 hojiirra oolan kanaaf qophiin sirna barnootaa, moojuulli barattootaa fi qajeelfama barsiisotaa guutummaatti xumuramuun isaa ibsameera.

Gosoonni barnoota ogummaa 11 bara 2019 irraa eegalee hojiirra oolan kunniinis kanneen armaan gadiiti:

Teeknoloojii Sibiilaa (Metalwork Technology),
Teeknoloojii Awutoomootiivii (Automotive),
Teeknoloojii Uffannaa (Garment), Dirirsa Sarara Ibsaa Gamoo,
Hojii Ujummoo Bishaanii(Plumbing), Misooma Sooftiweerii (Software Development),
Oomisha Midhaanii,
Tajaajila Kunuunsa Fayyaa,
Tajaajila Hoteelaa,
Hojii Rifeensaa fi Tajaajila Miidhaginaa, akkasumas Qophii Nyaataa dha.

Tarkaanfiin kun barattoonni barnoota idilee cinaatti ogummaa hojiif isaan qopheessu akka horatan gochuu irratti gahee guddaa qabaata jedhamee eegama.
👏1
August 11, 2026 221