JTD n Maal nuuf buuse?
Dhaabbilee islaamaa Waggoottan 7n Dabre Kana Hawaasa Islaamaa Gama amantiitii fi Hawaasummaantiin tajaajilaa turanii fi ammas tajaajilaa Jiran keessaa JTDn isa tokko. JTDn Faaydaalee hedduu buuse,Sagantaa Da’awaatiin Hawaasa magaalaa fi baadiyyaa,akkasumas baddaa fi gammoojji walitti hidhe. Dur biyya keenya keessatti kan barame Jamaáan dargaggootaa tokko magaalaa tokko keessatti yoo hundaa’e warra baadiyyaa quba hin qabu,masjiida tokkotti yoo hundaa’e masjiida isa cinaa jiru quba hin qabu ture Ammas Jamaáan Aanaa tokkoo ,Jama’aa Aanaa ollaa isaa kan biraa quba hin qabu ture. JTDn garuu Caaseffama isaatiin kana hunda irra aanuun gaafuma hundefaamu Aanota hedduu walitti hidhee eegalame,aanaa qofaa mitii gandoota fi masjidootaas walitti hidhe. Sana qofaa mitii Baadiyyaa fi Magaalaas Walitti hidhee da’awaa irratti waliin hirmaachise. Ragaan kanaa ammoo Muhaadaraawwan baroota dabaran Biyya Diida’aa fi iddoowwan biraa keessatti gaggeeffamaa turan kan hawaasni kumaatamaan irratti hirmaataan raga kanaati.
Ammas JTDn Dargaggoota fi Aalimman walitti hidhe, sunis Dhaabbata kana kan ijaare fi kan sochoosee hoogganaa ture Dargaggoota Yoo ta’u garuu kan Achi Keessatti gaheen kennamee fi guutumaan guututti hawaasa barsiisaa fi daaw’essaa ture Aalimmanii fi Du’aatota. JTDn Aalimmanii fi Hayyoota Doktortoota Islaamatiif Jazaa guddaa isaanif oole,sunis Hawwasa baláa ijaaree waliiti isaanii qabee sagantaa isaanii qopheessuun Doktortoonni Ykn Aalimman Magaalaa Keessa jiraatanii fi Hawaasni baadiyyaa keessa jiraatu akka wal argu fi wal gorsuuf carraa argatu godhe. Kanaafuu JTDn Aalimman Ykn Doktortoota biraa akkuma namaatittuu Galata qaba jechuudha. Galanni guddaan Rabbi irraa barbaadamaa.
Kana qofaa miti JTDn dhaabbata Caasaan isaa bal’aa fi guddaa waan taéef Dargaggoota isa Hooggananiifi Hoogganaa turaniif Dandeettii hooggansaa (Leadership skill) Gabbiseef. Akka itti waa hoogganan barsiise. Kanaaf dargaggoonni JTD Keessa turanii gara biraa wayta imalan eessattuu Hoogganssaa fi duree ta’anii Mul’atu. Fkn kana hubachuuf bara 2015 A.L.I qofa Jama’aalee Muslimaa Yunivarsiitii Itoophiyaa Keessa jiran 10 ol irratti Akka koree Hooggansaatti kan Tajaajilaa turan Ijoollee Hooggansaan JTD Keessa turan akka ta’an Ragaan Qorannoon Mirkanaahe Ni garsiisa. Dabalataanis Dhaabbilee Islaamaa Jajjaboo amma biyya keenya keessatti ijaaramaa jiranii fi dhaabbilee Diinagdee dhuunfaa ammatti ijaaramaa jiran keessatti Ijooleen JTD Harka Yabbuu qabu. Kanaaf JTD Dargaggoota isa Hoogganaa turan irraayis Galata oolef qaba jechuudha.
Silaa kan gama Daáwaatiin Hawaasa dammaqsuu fi Gama Barnoota bu’uura Ibaada(BBI) tiin Abboota fi Haawwota Keenya Kumaatamaan baadiyyaa fi magaalaa keessatti Barsiisee Waan buúura islaamumma hubachiise Waan akkatti dubannee itti geennu miti.of dura bal’inaan irraa dubanna. Kan dubbannuufis akka namni seenaa(Siiraa) Gaggaarii irraa fudhatuuf malee Ajriin isaa Rabbi bira.
Walimaa galatti JTDn
1. Aalimman ,Du’aatotaa fi Doktortootaaf Hawaasaan wal isaan qunnamsiisee Akka isaan ijarii dalagatan isaan gochhuun isaan fayyadeera.
2. Hawwasa Baadiyyaa Magaalaan Walitti ijaaruun Carraa Barnootaa fi Da’awaa islaamaa isaaniif akka dhihaatu haala mijjeessuun isaan tajaajilaale.Tokkummaa fi Obbolumma Gidduu hawaasas cimseera.
3. Dargaggoota Dhalootan Aanaa fi gandoota adda addaa keessatti dhalatan kan wal hin beekne kan silaa carraa wal baruus hin qabne wal barsiisuun akka isaan kaayyoo takka waliin offanii fi waliin hoogganan isaan gochuun ,Ammas Dandeettii Waa hoogganuu fi waa ijaaruu akka cimsatan isaan gargaareera.kanaaf bakka deeman hundatti duubee osoo hin taane duree akka ta’an isaan taasiseera.kan kana hunda irra caalu immoo Kaayyoo islaamummaa kan ta’e Ajrii (Toltuu) isaan dalagachiiseera.
4. Ijaarsa Sirna Majlisa amma jiruu kana keessatti gahee Leencaa taphateera.
5. Misoomni Biyya keenyaa akka cimus gahee baheera.