DHAAMSA KABAJAA FI GORSA
Gara Barattoota Eebbifamanii fi Hawaasa RVUHC Muslim Jema’ah
بِسْمِ اللهِ الرَّحْمٰنِ الرَّحِيْمِ
Assalaamu Aleykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh.
Kabajamtoota fi jaalatamtoota dura-bu’oota RVUHC Muslim Jema’ah, koreewwan, miseensota Jema’ah, hayyoota, barsiisota, maatii fi keessumaa barattoota keenya eebbifamanii gara sadarkaa haaraatti ce’aa jirtan, hundi keessan nagaa fi rahmata Rabbii keessa akka jirtan abdiin qaba.
Alhamdulillaahi Rabbil ‘Aalamiin.
Jalqaba, Rabbiin Subhaanahu Wa Ta’aalaa hojii kheeyrii keessatti hirmaannaa keessan, tajaajila hawaasaa, qophiiwwan Jema’ah fi tattaaffii keessan hundaa haa qeebalu. Beekumsa fi dandeettii isin argattanis faayidaa dhuunfaa qofaaf osoo hin taane, ummata, hawaasa, biyya fi dhalootaaf bu’aa buusuuf akka isinitti fayyadamu haa godhu.
DHAAMSA IJOO
Barnoonni namaaf sadarkaa fi carraa kennuu danda’a; garuu amantiin, naamusni, amanamummaan fi itti-gaafatamummaan namaaf kabaja dhugaa kennu.
Kanaaf, yeroo eebba keessanii kabajjanitti, wanti isin irraa eegamu digrii ykn TVET keessan qofa miti. Wanti isin irraa eegamu, akka nama beekumsa qabu, amanamaa, naamusa qabu, haqaa eegu fi hawaasaaf faayidaa qabuutti jiraachuudha.
Barnoonni daangaa hin qabu; eebbi keessanis dhuma barnootaa miti. Boqonnaa haaraa fi itti-gaafatamummaa haaraa qofa jalqaba. Kanaaf, yeroo tokko eebbifamnee “barnoonni koo xumurame” jechuu hin qabnu. Barachuun jireenya guutuu itti fufa.
Rabbiin Subhaanahu Wa Ta’aalaa ni jedha:
“Dhugumatti, Rabbiin haqaa, hojii gaarii fi firaaf kennuu ajaja.”
(An-Nahl 16:90)
Kanaaf, beekumsa keessan haqaa tiksuuf, hojii keessan amanamummaan hojjechuuf, hawaasa keessan tajaajiluuf, dhaloota itti aanuuf fakkeenya gaarii ta’uuf oolchaa.
1. AMANTII FI NAMUUSAAN DURAA-BU’AA TA’AA
Namuusa keessan eeggadhaa; amantii keessan eeggadhaa; Rabbiin sodaadhaa.
Bakka kamiyyuu deemtaan, eenyummaa keessan hin dagatinaa.
Hojii keessatti amanamaa ta’aa.
Hawaasa keessatti kabajaa qabaadhaa.
Hiriyummaa keessatti qulqulluu ta’aa.
Murtoo keessatti haqaa eeggadhaa.
Yeroo rakkoo keessatti obsa qabaadhaa.
Keessumaa miidiyaa hawaasaa (Social Media) irratti of eeggannoo guddaa qabaadhaa. Waan maxxansitan, waan qooddan, waan dubbattan fi fakkiiwwan isin fayyadamtan hundumaa irratti daangaa Islaamaa eeggadhaa.
Beekamtii argachuuf, like fi follower dabaluuf, yookaan namoota gammachiisuuf daangaa Rabbiin hin darbininaa.
Rabbiin ni jedha:
“Dhugumatti, Rabbiin isin amanamoota gara warra isaaniitti deebisuu fi yeroo namoota gidduutti murteessitan haqaan murteessuu isin ajaja.”
(An-Nisaa 4:58)
2. WANTA RABBIIN DHOWWE IRRAA OF EEGAA
Jireenya keessan keessatti carraan, qabeenyi, aangoon, hojii fi beekumsi isin mudatu hundi qormaata ta’uu danda’a.
Kanaaf, waan namni isin irraa eegu qofa osoo hin taane, waan Rabbiin isin irraa eegu eeggadhaa.
Nama gammachiisuuf Rabbiin hin dallansiisinaa.
Faayidaa argachuuf haqaa hin gatininaa.
Sadarkaa argachuuf amanamummaa hin dhabinaa.
Beekamtii argachuuf daangaa Rabbiin hin darbininaa.
Rasuulli ﷺ ni jedhan:
“Namni gammachuu Rabbii barbaaduun namoota dallansiise, Rabbiin isaaf ga’a.”
(Jāmi‘ at-Tirmidhī)
Kanaaf, waan Rabbiin jaalatu filadhaa; waan Inni dallansiisu irraa fagaadhaa.
3. MURTOO HOJII KEESSANII DURA OF GAAFADHAA
Yeroo hojii tokko hojjechuuf jettu, of gaafadhaa:
Rabbiin hojii kana ni jaallataa?
Hojichi nama biraa ni fayyadaa?
Amanamummaa koo ni eega?
Hojii kanaaf boru itti-gaafatamaa ta’uu nan danda’aa?
Kana of gaafachuun nama dogoggora irraa eega.
Murtoon har’aa bu’aa boruu qaba. Kanaaf, osoo tarkaanfii hin fudhatin dura, dhuma isaa yaadaa.
4. RABBIIN ISINIIF KENNETTI QANANAA’A
Jireenya keessatti nama isin caalu ni argitu; nama isin gadiis ni argitu.
Garuu waan Rabbiin isiniif qoodetti gammadaa, galateeffadhaa; waan nama biraa qabutti hinaafaa hin ta’inaa.
Rabbiin ni jedha:
“Yoo isin galateeffattan, dhugumatti isiniif nan dabala.”
(Ibraahiim 14:7)
Qabeenyi ni dhufa, ni darba.
Beekamtiin ni dhufa, ni darba.
Aangoon ni dhufa, ni darba.