📚 📖 "Atomic Habits" ....Kitaabni Kun Kitaaba akka Daawitiitti keessatti of ilaalani. Ani Cuunfaa kitaabicha akkasiin isiniif fideeera, dubbisaa , yoo jaalattan waliifis qooda, Kitaaba akka isiniif cuunfu barbaaddan mention naaf godhaa.
1. Sirna Irratti Xiyyeeffadhu, Galma Qofa Irratti Hin Rarra’in:
Galmi kallattii agarsiisuuf gaariidha, garuu sirni (system) fi adeemsi guyyaa guyyaa guddina dhugaa fida. Gareen injifatuus ta’e kan injifatamu galma walfakkaataa qabaachuu danda'u; waanni isaan gargar baasu sirnaa fi akkaataa itti hojjetaniidha.
2. Seera 1% (Tarkaanfii xinnoo ):
Guyyaa guyyaan 1% qofa fooyya’uun, waggaa tokko keessatti dachaa 37 akka jijjiirama guddaa fidu si taasisa. Jijjiiramni xixiqqaan guyyaa tokkoo waan hin mul’anne fakkaatus, yeroo dheeraa keessatti bu’aa ajaa'ibsiisaa fida.
3. Sadarkaa Humna Dhokataa (Plateau of Latent Potential):
Bu'aan tattaaffii keetii battalatti argamuu dhiisuu danda'a. Heddun keenya jijjirama Yeroo gabaaba feena. yoo San dhabne 'tattaaffiin koo bu'aa dhabe' jennee abdii kutachuutti fiigna. Atomic Habits garuu "humni kee ifaajeen kee , Si keessatti kuufamaa jira malee hin badne" jedha
4. Jijjiirama Eenyummaa Irratti Hundaa’e:
Jijjiirama amala dhugaa jechuun eenyummaa kee jijjiiruudha. "Fiiguun barbaada" jechuu irra , "Ani nama fiigichaati" jedhi. Tarkaanfiin amala kee guyyaa guyyaa eenyummaa kee isa fuulduraatiif sagalee kennuudha.
5. Geengoo Amalaa (Habit Loop): Amalli tokko sadarkaa afur keessa darbee ijaarama:
a. Dammaqsituu (Cue): Kun Amala sana akka yaadattu si taasisa.
b. Hawwii (Craving): Kaka'umsa amala sana raawwachuuf keessa keetti uumamu.
c. Deebii (Response): Amala sana raawwachuu.
d. Badhaasa (Reward):bu'aa Amala sana raawwachun argattu.
6. Seerota Afran Jijjiirama Amalaa:
Amala gaarii ijaaruuf seerota afran armaan olii irratti xiyyeefadhu, a) (Dammaqsituu), Akkamitti akka mul'atu taasisi. b) (Hawwii), Hawwataa taasisi. c) (Tarkaanfii): Salphaa taasisi. d) (Badhaasa) : Amala haara madaqfatteef badhaasa ofiif kenni.
(Amala badaa balleessuuf seerota kana faallaa godhi: Dhoksi, tuffatamaa godhi, ulfaataa godhi, fi of adabi)
7. Murtoo Raawwii Karooraa :
Amala badaa ykn gaarii jijjiruuf karoorfatte , 'Yoom? eessatti? fi akkamitti?' akka raawwattu ifatti murteessi.
Formulaa kana fayyadami:>
"Ani amala [X] yeroo [SA'AATII] iddoo [BAKKAA]tti nan raawwadha.
Fkn : Ani [Kitaaba dubbisu] sa'atii [10-11] ,[Library ] keessatti Nan raawadha.
8. Amaloota Walitti Firoomsuu (Habit Stacking) :
Amala haarawa amala fiixaan baastee amaleeffatteetti dabalii maxxansiisi. Formulaa :> *"Erga [AMALA DURAAN AAMALEFFATTE] xumuree booda, battalumatti [AMALA HAARAWA] nan raawwadha.
Fkn: Akka Hirribaa ka'een cal jedhee [Bilbila ilaaluu /Doomscroling]
dhiiseen booda battalumatti , [Kitaaban dubbisa]
9. Haala Qabatama Naannoo kee Caalaa Onnee Qofatti Hin Rarra’in...
Haalli naannoo keetii wanta keessatti aadaa fi amala kee bocu keessaa isa tokkoodha. Wanta gaarii hojjechuuf si gargaaru fuldura keetti qopheessi—wanta amala badaatti si geessu ammoo ija kee duraa dhoksi. Kutannoo qofaan amala jijjiiruun ulfaataadha waan ta'eef.
10. Wanta Barbaadduu fi Wanta Si Eeggamu Walitti Makuu
Wanta raawwachuu barbaaddu fi wanta akka dabiitiitti si eeggamu walitti maki. Fakkeenyaaf, tapha kubbaa kan ilaaltu yeroo bishaan dhugdu/fiigicha gochuuf utaaltu qofa akka ta'u murteessi.
11. Seera Daqiiqaa 2 Amala haarawa yoo egaltu, daqiiqaa lamaa gad kan fudhatu akka ta'u taasisi. Fakkeenyaaf: "Kitaaba fuula 30 nan dubbisa" jettee daqiqa lama booda lafatti darbuu irra "Har'aaf Fuula tokko nan dubbisa" jedhii egali. Xumuri!
12. Jijjirama Amalaa: Amala badaa gaaridhaan Bakka buusuf , Amala gaariidhaaf daandii salphisi (fkn, uffata hojii irraa galgala qopheessi), amala badaaf ammoo daandii ulfeessi (fkn, bilbila kee siree kee irraa fageessi).