💯Memory bilbila keenya maaltu guute laata?📲
Yeroo baayye wayita App haaraa install goonu ykn wayita faayiloota garaagaraa kanneen akka audio, video, photo, fi kkf dabarfachuuf jennu Insufficient Storage Avaliable ykn Memory fully jechuudhaan notification maalif nutti ergama?
👌Rakkoon akkasi wayita nu mudatu Memory Space keenya akkamitti free akka goonu waalin ilaalla.
🤷♂Garuu notification kun sababa maaliitiif nuuf dhufa waan jedhu dursinee sirriitti haa ilaallu
👉👉Operating Systemin Android app install gochuuf ykn faayila kuusuuf wayita bakka gahaa tahe dhabu notification kana nutti erga.
👌Kana waliin walqabatee Applicationoonni Bilbila keenya irraa jiran Storage akkamittiin akka fayyadamanu haa ilaallu
👉Applicationooni wayita install tahan bakka mata isaani memory irraa ni fudhatu.
👉Applicationoni bakka daataa mataa isaanii Kawwatan memory irraa ni qabaatu (fkn Telegrami fudhachuu dandeenya)
👉Applicationoonni bakka yeroodhaaf faayila catch gochuun kaawwatan ni qabu. Faayiloonni catch irra taa'an kunnin bakka guddaa qabatu.
Kanaafu rakkoo isaa fi akkaata itti fayyadama storage jaraa ergii barree furmaanni isaa hoo maali🤷♂
😳 Jalqaba irratti Storage bilbila keenya maal maaliin akka guutame ilaaluu qabna. Kanaafis:
1ffaa: Setting seenuu
2ffaa: Storage seenuu
👌Asirratti RAM,Internal Storage,SD Card bakka hammami qabatanii akka jiran % dhaan nu agarsiisa
3ffaa: Internal Storage cuqaasuu
Avaliable 👈memory free nuti qabnu dha.
System👈 Operating System bilbila keenyaa ofii isaatiifi Applicationoota isa waliin dhufan kanneen akka Chrome, Maps,Phone, GMail, Google, Contacts, Photo,Drive fi kkf kuusuuf memory inni qabate nutti agarsiisa.
Owners👈applicationoota fi suurawwan akkasumas audio fi video garaagaraa nuti kuufanne agarsiisa.
Kanneen armaan olitti ibsaman keessa kan iddoo guddaa qabatan ilaaluun...
Application yoo tahe yeroo hedduu itti hin fayyadamnu ykn dhimma itti hin baanu taanaan uninstall gochu
✳️ uninstall gochuuf Setting->Apps
uninstall gochuuf app barbaanne cuqaasuun uninstall goona.
✅ audio,photo ykn video yoo tahe immo kan nu hin barbaachisne filachuun delete gochuu.
✅ Clear data isa jedhu cuqaasuun catch memory irraa faayiloota jiran balleessuun qulqulleessuu.
✅ akka dabalataatti faayiloota bakka guddaa qabatanii jiran Internal Storage irraa Cut gochuun SD card irratti paste gochuu.
✅ filannoon kan biraa immoo bilbila keenya irratti bakka faayiloonni haaraan yeroo dabarfannu seenaan akkasumas application irratti install ta'an default isaa gara SD card tti jijjiiruudha.
Kanaaf immoo
👉Setting-> Storage- >Applications storage location kan jedhu gara removable SD card tti jijjiiruu
Setting-storage-default-write disk- kan jedhu gara removable SD card tti jijjiiruu
Akkasumas preferred install location seenuun isaas gara removable SD card tti jijjiiruu.
Hiriyan keessan kan bilbilli isaa guutuun rakkachaa jiru jiraachuu waan maluuf maaloo share godhaafi.
Odeeffannoowwan teknoloojii barsiisoo tahan kanneen kanaan dura lakkifamanii fi kanneen gara fuula duraatti lakkifaman illee argachuuf channel keenya join godha!!
👇👇👇👇👇👇
🖥️ @OFFICIALS_CHANNEL 🖥️
🖥️ @OFFICIALS_CHANNEL 🖥️
43
28
3
2March 13, 2024 5.9K 9