Of-eeggannoo ⚠️ Hubannoof....! Jidduu kana #Facebook_Account nama… — ABDII SABAA OFFICIAL — TG.ME

Of-eeggannoo ⚠️ Hubannoof....! Jidduu kana #Facebook_Account nama hedduu irratti Suuraan safuufi duudhaa keenyaan wal hin simne yeroo #Tag ta'u mul'ataa jira. Suuraa yookiin Video'n Profile namoota dhuunfaa irratti maxxanaa jiru kun, #Setting'n #Facebook_Account keenyaa sirraa'uu dhabuu waan ta'eef isa sirreeffachuu qabna. Akkaataa itti fufee jiru kanaan sirreeffadhaa...! step 1. Menu Facebook keessanii irra tuqxu. Step 2. Setting and Privacy tuqattu Step 3. Setting ishii jettutti dabartu Step 4. Filannoo hedduu isiniif dhufa, gadi siqxanii... #Audience_and_Visibility kan jettu jalatti #Profile_and Tagging kan jedhu tuqxu. Step 5. Viewing and sharing kan jedhu agartu. 👉 Who can post on your profile? kan jedhu= #only_me godhattu. 👉Who can see what others post on your profile ? kan kedhus #only_me Step 6 . Tagging kan jedhu jalatti ammoo 👉 Who can see posts that you're tagged in on your profile ? kan jedhu #only_me 👉When you're tagged in a post, who do you want to add to the audience of the posts if they can't already see it ? isas #only_me Step 7. Reviewing 👉 Review tags that people add to your posts before the tags appear on Facebook ? Isa kanammoo #Off gootu. 👉 Review posts that you're tagged in before the post appear on your profile ? kan jedhu #onn gootu. Isa booda yoo abbaan fedhe #tag isinarratti godhe, dursee #permission isin gaafatee notification isiniif erga, yeroo sana Add yookiin Hide yookiin mallattoo 'X' isiniif fida. Akkanni isinirratti post in taane ofirraa mallattoo 'X' sana tuqxanii haqxu. #Note Facebook account keessan akka isin jalaa hin hatamne yookiin hack akka hin taaneef mallattoo darbii ykn password keessan jabeessaa ykn strong godhaa! Akkan hubadhutti Facebook keessan email dhaan osoo banattanii gaariidha, password keessan lakkoofsa, qubee guddaafi xixiqqaa fi mallattoo garaa garaa osoo wal keessa fayyadmtanii gaariidha. 🖥️ @officials_channel 🖥️

March 12, 2024 2.1K