Piriimiyeer Liigii Ingilaandi tapha torbee lammaffaa kan xumuraa kan… — ODAA ISPOORTII — TG.ME

🟢Piriimiyeer Liigii Ingilaandi tapha torbee lammaffaa kan xumuraa kan ta'e taphi Astan Viilaa fi Arsenaal har'a galgala sa'atii 4:00'tti dirree Viilaa Paark irratti geggeeffama.

✅Shaampiyooniin bara darbee Arsenaal tapha torbee jalqabaa injifannoon kan eegale yoo ta'u, Viilaan ammoo injifatamuun eegale.

✅Arsenaal Kooventarii 3 fi 0'n injifachuun ga'umsa gaarii irra jiraachuu isaanii kan agarsiisan yoo ta'u, Viilaan ammoo Biraayitaniin 4-0'n injifatamuun isaa garee kana irratti gaaffiin akka ka'u taasiseera.

✅Tapha har'a galgalaa waanti adda taasisu Viilaan waggoota dhiyoo as dirree isaa irratti Arsenaaliif garee qormaata ta'aa jiruudha. Kanaaf akkuma kana duraa Arsenaalitti qorumsa ta'umoo, Arsenaal haala salphaan injifata kan jedhu hawwiin eegama.

➡️Taphni kun galgala sa'atii 4:00 irraa eegala.

𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄
➡️ || @ODAAISPOORTII
𝐒𝐇𝐀𝐑𝐄
➡️ || @ODAAISPOORTII
❤7😍7🔥1
August 31, 2026 1.9K 2