Miseensonni harka guddaan yaada murtii dhimmichi Mana Maree… — Gonfa Atoma — TG.ME

Miseensonni harka guddaan yaada murtii dhimmichi Mana Maree Federeeshiniif darbuu qaba jedhu gaafa kennan xinxaala seerota adda addaa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1195 fi 1196 akkasumas tumaalee waa’ee abbaa qabeenya waloo ilaallatan (keewwata 1258 fi itti aananii jiran) erga xinxaalanii booda waraqaan ragaa abbaa qabiyyummaa maqaa haadha iyyataatiin jiraachuun hanga hin haalamneettii fi waamamtuun immoo waraqaan ragaa kun karaa seeraan ala ta’een argamuu bu’uura seericha keewwata 1196 tiin osoo hin mirkaneessin murtiin manneen murtii idilee kennan mirga qabeenyaa haadha iyyataa kan faallessu waan ta’eef murtichi akka haqamu yaada murtii Mana Maree Federeeshiniif dabarsee jira, manni marichaas kanuma sagalee guutuun fudhachuun mirkaneessee jira, galmee lakkoofsi isaa 132 ta’e irratti jechuudha. Murtii kana keessatti dhimmi biraa ka’e baasii ijaarsa manichaaf bahe adeemsa biraatiin gaafachuun ala lafa namaa irratti mana ijaaruun abbaa qabeenya mana sanaa nama hin taasisu kan jedhu ifatti calaqqiseera. Haa ta’u malee miseensonni Gumichaa baay’inni isaanii 3 ta’u murtiin manneen murtii idileen kenname dogoggora hiikoo heera mootummaa kennisiisu of keessaa hin qabu jechuun yaada murtii sagalee caalmaan kenname irraa yaadaan adda bahanii jiru. Kanneen sagaleen adda bahan keessaa lakk. 1 (Walitti Qabaa Gumichaa/Pirezidaantii MMWF), lakk. 2 (Itti Aantuu Pirezidantii MMWF natti fakkaatu) fi lakk. 7 irratti kan mooggafamaniidha. Yaadni addaa kunis kan jedhu heerri mootummaa qabeenya maallaqa, humna ykn beekumsa dhuunfaan horatameef eegumsa kan taasise ta’uu, mana falmiif ka’uumsa ta’e iyyataa fi waamamtuun humnaa/maallaqa isaanitiin osoo haati iyyataa hin mormin kan ijaarratan ta’uu, iyyataan mana kana inni ykn haati isaa addatti horachuu kan hin hubachiisne ta’uu ibsuun manichi qabeenya abbaa manaa fi haadha manaati waan ta’eef murtiin manneen murtii idileen kenname hanqina hin qabu kan jedhuudha. Gaaffilee Marii 1. Yaada murtii sagalee caalmaa fi kan sagalee xiqqaatu irra dhama qabeessa jettu? 2. Yaada murtii sagalee caalmaan kennamee fi dhuma irratti Mana Maree Federeeshiiniin ragga’e murtii dirqisiisaa dhaddachi ijibbaataa MMWF Abbootii Seeraa 7 irratti moggafamuun galmee lakk. 242314 ta’e irratti dhaddacha Adooleessa 30 bara 2017 ooleen kenne waliin akkamitti ilaalama? •••

❤6👍2👏1
August 4, 2026 4.1K 38