Qaroo Waamaraa: post #5602 — TG.ME

Maqaafi simboo kee
Kumaaf kitala waamaa
Nagaafi hibboo keen
Halkan guutuu dhaamaa

Ajandaa laphee koorraa
Maquma kee waamuu
Yooman siin argadhaa
Waa laphee na saamuu

Warqeen maqaa jaalalaati
Onneetu maqaa si leellise
Wal-argeen isa halaalaati
Qalbiitu siin na waamsise

Bokkaan yaadakee yaa'ee
Galaana kee na nyaachise
Gootuun daakus daakee
Dhagaa"saa na baachise

Siifan dhiise karaasaa
Jaalala gumbii guutuu
Natti dhiistee deemte
Dubbii sammuu guutuu


Warqeekoo
👏5❤4🔥4
August 27, 2026 468 5 2