#Atkoota'uu_baannan
........
Sin jaaladha hedduu
Baayyeesaa garmalee
Kiloon bira ga'uu
Hangasaa madalee
.........
Ciisu suman yaadaa
Ka'ullee bar sumaa
Jalalli akkasii
Maaluma jedhamaa?
........
Onneen koo siif rukutti
Dachaa dachaadhanii
Hunduma caalchisee
Sin jaaladha anii
..........
Akkanatti osoon si jaalluu
At koo ta'uu baannaan
Addunyaan Balleessaa
Atis badda waliin.
.....
@Esayas
10
2January 16, 2024 3.1K 1 25