Yoon hin dogoggorre, Har'a Mat. 5 fi 6 qayyabachuutti jirra.
“Yesus, "Seeraa fi barsiisa raajotaa diiguudhaaf waanan dhufe hin se'inaa, ani isaan raawwachuudhaafan dhufe malee, diiguudhaaf hin dhufne.”
— Mat. 5:17
“Isin warri seera eeguudhaan qajeelota taatanii lakkaa'amuu barbaaddan, Kristosin of irraa kuttaniittu; ayyaana Waaqayyoo irraas kuftaniittu.”
— Gal. 5:4
==>Kutaa kana lamaan yeroo ilaallu waan wal faallessan fakkaatu. Garuu, mee dhugaa jiruufi adeemsa jiru waliin haa ilaallu.
#1ffaa, eeyyeen seerichi nama hin fayyisu! Yesuusitti amanuutu nama fayyisa, garuu #namni_fayye nama duratti kan ittiin beekamu seericha jabeessee dhaabuu isaatiini. Kunis namoota duratti malee Waaqayyo duratti akka hin taane beekuu qabna.
#Rom. 3 ²¹ Amma garuu #karaa_seerichaa_utuu_hin_ta'in karaan namni ittiin qajeelaa ta'u Waaqayyo biraa mul'ateera; seerrii fi raajonni karaa kanaaf dhugaa ba'aniiru. ²²#Namni_Yesus_Kristositti_amanuudhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa in ta'a; kana irrattis warra amanan hundumaaf garaa garummaan hin jiru.
#Waaqayyo duratti karaan namni ittiin Qajeelaa ta'uu danda'u tokko qofa; innis Yesuus isa Qajeelaa nama godhutti amanachuudhaani.
# Filp. 3:9 “Kanaanis ani kan Kristos ta'ee argameera. Egaa qajeelummaan koo isa #seera_eeguudhaan_argamu_utuu_hin_ta'in, #isa_Kristositti_amanuudhaan argamuu dha; qajeelummaan kun Waaqayyo biraa in dhufa, #amantii_irras_in_dhaabata.”
#2ffaa — Mat. 5:17 irratti akkuma dubbatu, Yesuus "Seeraaf barsiisa raajotaa diiguudhaaf waanan dhufe isinitti hin fakkaatin, ani isaan raawwachuudhaafan dhufe malee diiguudhaaf hin dhufne" jedhee, akkuma jedhe ammoo #Qol. 2:14 “Wanta nu irratti caafamee ture, isa nutti hin tolin sana, waan inni karaa seeraa nu irraa barbaaduu wajjin duguugee fannootti cinqaarsuu isaatiin iddoo isaatii balleesseera.” Kunis,
— Yoh. 19:30 irratti, jecha dhumaa "fiixaan ba'eera" jedhee kan hafuurasaa kenneen kan raawwatame jechuudha. Akkasumas,
"Rom. 10 ⁴ Kristos nama amanu hundumaa gara qajeelummaatti geessuudhaan seericha iddoodhaan in ga'a. (ለሚያምን ሁሉ ጽድቅ ይሆን ዘንድ ክርስቶስ የሕግ ፍጻሜ ነውና።
ሮሜ 10፥4)
Egaa maal jechuun barbaade,
=>Barri Seeraa nama guutuu tokko argatee ittiin raawwatameera. Nama akkamii? Nama Guutummaatti Seericha fiixaan baase. => Yesuus Kiristoos
=>Barri Haaraan(Ayyaanaa) jalqabe garuu akkuma — Luq. 4:19 irratti, “waggaa ayyaana jaalala gooftaa labsuudhaaf na ergeera"... jedhu Du'uuf Du'aa Ka'uu Kiristoos Yesuusiin jalqabamee hanga Kiristaanonni dhugaan Cidha Hoolichaatti walitti sassaabamanitti itti fufa. Isa booda barri biraan ni jalqabaa? ....
Kanaafuu, Warri Mat.5:17 yeroo dubbisan "Raawwachuu" isa jedhuun "Jabeessuu" jedhanii dubbisan akka of qusatan fedhii keenya!