Qorumsi xumuraa Kutaa 6ffaa boru eegala ******** Qorumsi xumuraa Kutaa 6ffaa bara 2018tii magaalaa Finfinnee, naannoollee Oromiyaa, Amaaraa, Gaambeellaa, Affaar, Sidaamaa, Itoophiyaa Kibbaa, Itoophiyaa Giddugaleessaa fi kanneen biroo keessatti boru Waxabajjii 8 hanga 10, 2018tiitti akka kennamu himameera. Qorumsa kana kennuufis Waajjiraalee Barnootaa qophii barbaachisu xumuruudha kan eerame. Qabiyyee qorumichaa ilaalchisee, barattoonni barnoota kutaa keessatti barataniin ala waanti haaraan waan hin jirreef, tasgabbaa’aniidhaan qoramuu akka qaban dhaamameera. Oromia Education Bureau
10
7
4June 15, 2026 4.2K