Biiroo Barnoota Oromiyaa: post #574 — TG.ME

Hogganaan BBO Dr. Tolaa Bariisoo Haala Waliigalaa Barnootaafi Qormaatilee Bara 2018 Irratti Miidiyaaleef Ibsa Kennan. ---------- BBO - Waxabajjii 02/2018 Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo haala walii galaa barnootaa bara 2018fi Qormaatilee Naannoo Xumura Barnoota Sad. 1ffaa,, Xumura Barnoota Sad. Giddu Galeessaafi Qormaata Biyyoolessaa Xumura Barnoota Sad. 2ffaa Bara 2018 ilaalchisuun ganama har'aa Galma xiqqaa BBOtti ibsa Miidiyaaleef kennaniiru. Haala waliigala sosochii barnootaa bara 2018 ilaalchisee inisheetiiviwwan misooma barnootaa hirmaannaa hawaasaan hojjataman keessaa Ijaarsi Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu, Manneen Barnootaa Sad. 1ffaa, Manneen Jireenyaa Barsiisotaa, Dijitaal Paarkii, Daree dabalataa, Manneen Barnootaa Moodeleessuu irratti hojiin ajaa'ibsiisan kan hojjatame ta'uu ibsuun inisheetiivii barnootaa bara 2018 hirmaannaa ummataan galmaa'e kun maallaqatti yoo tilmaamamu Qarshii Biiliyoona 47 ol kan ta'u himuun ejjannoo ummatni keenya dhaloota barsiifachuuf qabu dinqisiifachuun galatoomftaniiru. Dhaabbilee barnootaa ilaachisee Naannoo keenya keessa MB Bu'uura Boruu 20186, MB Sad. 1ffaa 16201 fi MB Sad. 2ffaa 1406 kan jiran yoo ta'u, barattootni MB BB, miliyoona 2 . 4 ol, Sad. 1ffaa miliyoona 8. 9 oliifi Sad. 2ffaa miliiyoona 1 ol keessatti barachaa akka jiran ibsameera. Walumaagalatti, dhaabbilee barnootaa 37 792 keessatti barattootni 12, 428, 950 barachaa kan jiran ta'uun beekameera. Hojiiwwan misooma barnootaa keessatti raawwataman kanneen humna raawwachiisummaa barsiisotaa, dura bu'oota manneen barnootaa, supparvaayizarootaafi hoggansaafi hojjattoota waajjiraalee barnootaa ilaalchisee leenjiin bal'aan kan gaggeeffame ta'uufi bu'aanis qabatamaan mul'achuu kan danda'e ta'uu dubbataniiru. Barattoota kutaa 3 - 5 dubbisuu, barreessuufi shallaguu rakkatan Sagantaa "Teaching at the Right Level" jedhamutti fayyadamuun barattoota irratti jijjiirama olaanaa fiduun kan danda'ame ta'uu ragaa jiruun walqabsiisanii dhiheessaniiru. Dhumarratti, hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo, Miidiyaalee dhaabbiee adda addaa walitti babahaniif Qormaata Naannoo Kutaa 6ffaa, 8ffaafi Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 ilaalchisee ibsa bal'aa kennaniiru. Haaluma kanaan, Qormaatni Naannoo Xumura Barnoota Sad. 1ffaa (kutaa 6ffaa) Waxabajjii 08 -10/2018 tti kan kennamu ta'uufi barattootni 547 351 ta'an qormaataaf kan qophaa'an yoo ta'u, Qormaata Naannoo Xumura Barnoota Sad. G/G (kutaa 8ffaa) barattootni 430 152 fudhachuun qophiirra kan jiran yoo ta'u qormaatnis Waxabajjii 11 - 12/2018 kan kennamu ta'uu ibsameera. Qormaatni kun Wiirtuu/Buufata Qormaataa 1226 keessatti sadarkaa lachuufuu walduraa duuban kan kennamu ta'uunis beekameera. Qormaatni Biyyoolessaa Xumura Barnoota Sad. 2ffaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Waxabajjii 24/2018 irraa kennamuu kan jalqabu yoo ta'u, akka Naannoo Oromiyaatti barattoota Idileefi qoratamtoota dhuunfaa(private) waliti 202 671 qormaata fudhachuuf kan qophaa'an yoo ta'u, Barattootni Saayinsii Uumamaa 130 644 fi Saayinsii Hawaasaa 72 027 qormaata ni fudhatan jedhamee eegama. Qormaatni 'online'n (CBT) fi Waraqaan kan kennamu yoo ta'u, barattootni 56.9% ta'an online' Kompitaraan kan qoraman yoo ta'u, 43.1% immoo Waraqaan kan qoraman ta'uun beekameera. Oromia Education Bureau

❤10👍4🔥1
June 9, 2026 3K