Biiroo Barnoota Oromiyaa: post #573 — TG.ME

BEEKSISA Barattoota Kutaa 6ffaafi 8ffaatiif #Naamusa_Qormaata_Naannoo_Kutaa_6ffaafi_8ffaa  Bara 2018  Kabajamuu Qaban. ------------------ #BBO_Caamsaa_30_2018_Barattootni_Meeshaalee__Qormaataaf  Isaan Gargaaru /Heyyamameef /Qofa Qabatanii Buufata Qormaataatti Argamuu Akka Qabaniifi Meeshaalee Qormaataaf Hin Gargaarre/Dhoorkaa/ Ta'an Irraa Bilisa Ta'anii Argamuu Qabu. #1_Kan_Heyyamaman Meeshaaleen Gara Buufata/Kutaa/ Qormaataa Akka Galan Heyyamaman: #Uffata Seeraa (Uniform) Mana Barnoota isaa, #Kaardii Galmee/Admission Card/ #Kobbee/Irsaasii/ (Pencil) #Haqxuu #Sarartuu #Qartuufi kkf  Guuttatanii Ganama Sa'aatii 1:00 Irratti  Buufata Qormaataatti Argamuu Qabu. #2_Kan_Dhoorkaman. Meeshaalee Gara Buufata Qormaataa Akka Dhufne Dhoorkaman Immoo: #Moobaayilii, tableetii, kompitaraafi kkf #Qalama #Sa'aatii harkaa #Meeshaalee_Elektirooniksii Kamiyyuu, #Manatsirii_Ijaa (Eye Glass) Hakimiin hin heyyamane , #Uffata_Seeraa_Mana_Barnootaa Otuu Hin Uffatin Dhufuu, #Qormaata walirraa garagalchuufi garagalchuu yaalun qormaatarraa haqsiisa, #Meeshaalee_Qara_Qaban, Meeshaalee Waraanaafi kkf qabatanii gara Buufata/Kutaa Qormaataa/ Seenuu ykn seenuu yaaluufi #Barfachuun  gonkumaa Dhoorkaa ta'uu  beeksifna. Kanaafuu, Barataan Qormaata Fudhatu hunduu #Naamusa_Qormaataa_Kabajuun Xiyyeeffannoo Keessan Qrmaata Fudhattan Irratti Qofa Haata'u Jenna. #Qormaatnis_kan_kennamu: Kutaa 6ffaa :- Waxabajjii 08-09/2018 dha.

❤8
June 9, 2026 2.5K