Qormaatni Naannoofi Biyyoolessaa Bara 2018 Waxabajjii keessa kennama jedhame. ----------------- BBO- Ebla 16/2018 Qormaatni Naannoo kutaa 6ffaa. 8ffaafi Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2018 ji'a Waxabajjii/2018 jalqabaafi walakkaa irraa eegalee kan kennamu ta'uu Biiroo Barnootaa Oromiyaatti Daayirektarri Daayirektoreetii Qormaataafi Iyyaafannoo Barnootaa obbo Huseen Qaasim ibsaniiru. Qormaatni Naannoo kutaa 6ffaafi kutaa 8ffaa ji'a Waxabajjii guyyoota hojii jalqabarraa kennamuu kan jalqabu yoo ta'u, qormaatni biyyoolessaa kutaa 12ffaa immoo ji'a Waxabajjii walakkaa irraa eegalee kan kennamu ta'uu himaniiru. Barattootni qormaata biyyoolessaafi naannoo fudhachuuf qophiirra jiranis daran qophii isaanii akka cimsan jajjabeessaniiru. Haaluma walfakkaatun, hoggansiifi barsiisotni manneen barnootaa fooyya'insi qabxii barattootaa harka keessan waan jiruuf abdiin keenyaafi maatii barattootaa akka dhugoomsitan jechuun kan dhaaman yoo ta'u, maatiin barattootaa. GTBfi caasaan mootummaa godinaa hanga gandaa jiranis deeggarsa kanaan dura barattoota keenyaa taasisaa turtan caalaa milkaa'ina olaanaa galmeessisuuf akka hojjattan jechuun dhaamsa dabarsaniiru. Dhimarratti, Qormaatni Naannoo kutaa 6ffaafi 8ffaa guuyyootni 45 qofa kan hafan yoo ta'u, Qormaatni Biyyoolessaa kutaa 12ffaa immoo, guyyoota 55 kan hafan waan ta'eef barattootnifi barsiisotni keenya yeroo muraasa hafte tanatti fayyadamuun qabxii olaanaa galmeessuuf akka hojjattan dhaamsa keenya ta'a. - #Yeroo qo'annoo Gaarii Barattoota keenyaaf, -#Ifaajjii Barsiisota keenyaaf firii Gaarii hawwina. #Barri kan milkii haata'u! #Carraa_Gaarii! Oromia Education Bureau
16
6