Biiroo Barnoota Oromiyaa: post #562 — TG.ME

Biiroon Barnootaa Oromiyaa, Biiroon Barnootaa Finfinneefi Yunivarsiitin Finfinnee Barsiisota Waliin Leenjisuuf Atooma Hojii Waliif Mallatteessan ------------ BBO- 25/07/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Finfinnee barsiisota Afaan Chaayinaa Barsiisan Yunivarsiitiin Finfinnee akka barsiisuufi baasiiwwan adeemsa baruu barsiisuu immoo biirooleen lamaan danda'un waliin hojjachuuf bakka hoggantootni I/Aantota biiroo lamaaniifi Yunivarsiitichaa argamanitti Atooma hojii har'a waliif mallatteessaniiru. Atooma hojii kan mallatteessan gara BBOtin hogganaa Biirichaa Dr. Tolaa Bariisoo. gara BBF irraa, hogganaa BBF Dr. Zalaalam Mulaatuu yoo ta'an, Yunivarsiitii Finfinnee irraa immoo, Eeggataa Pirezidaantii Yunivarsiitichaa Dr. Saamu'el Kiflee ta'uun beekameera. Hoggantootni sadanuu yaada kennaniin, dhaloota abdii egeree biyya keenyaa ta'an, afaanota hedduu danda'aniifi teeknooloojii jaarraa 21ffaa fayyadamuu danda'an horachuu gahumsi barsiisaa murteessaa ta'uu ibsuun, dhaloota barnootaan ceesisuuf cimanii waliin hojjachuu akka qaban himaniiru. Atoomni hojii har'a mallattaa'e kun kan marsaa 2ffaa yoo ta'u marsaa 1ffaan barsiisota 27 leenjisuun yeroo dhihoo keessatti leenjicha xumuranii gara hojii kan galan ta'uun beekameera. Barnootni Afaan Chaayinaa kan kennamu Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa keessatti kennamaa kan jiru yoo ta'u, fuuldura gara manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa hundatti babal'achuu kan danda'u ta'uun beekameera. Oromia Education Bureau

❤8👍1
April 4, 2026 4.6K