Haala Qophii Qormaata Kutaa 12ffaa Irratti Mariin Gaggeeffamuu eegale ------- BBO- Bitootessa 06/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Qormaata Bu'aa Barachuu Barattoota Kutaa 12ffaa madaalu qopheessuuf Barsiisota Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa qopheessuurratti muuxannoo qaban waliin marii guyyoota 4 turu Magaalaa Adaamaa- Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa keessatti eegalaniiru. Mariirratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan hogganaa I/A BBO Dr. Galaanaa W/Mikaa'el yoo ta'an, haasawa taasisaniin, haala qophii qormaataa kanaan dura turan hanqina inni qabu kaasun yeroo ammaa garuu, qormaatni bu'aa barachuu barattootaa madaaluu danda'u adeemsa saayinsiin qormaataa gaafatu keessa darbun, qormaata istaandardaawa sadarkaa addunyaafi qormaata biyyoolessaa biyya keenyan wal gitu qopheessun barattoota keenya qopheessun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru. Kanaafuu, haala qormaatni itti qophaa'uu qabu, barnoota barsiifnen barattoota madaaluu akka danda'u muuxannoo qabdaniifi saayinsii qophii qormaataa walitti fiduun sadarkaa manneen barnootaafi sadarkaa kutaatti qophaa'uu qabu irratti mari'achuun yaada rakkoo qophii qormaata naannoo keenyaa furuu danda'an akka dhiheessitan jechuun dhaamsa dabarsuun mariin ifaan ifatti banamuu himaniiru. Haaluma walfakkaatun, BBOtti Daayirektarri Daayirektoreetii Manneen Barnootaa Bultii Addaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa obbo Qaasim Gammadaa haala qophii qormaata barnoota kutaa 12ffaa ilaalchisuun hirmaattotaaf kallattii adeemsa qophii qormaatichas ka'aniiru. Barsiisotni MBBAfi MBA irraa dhufaniifi ogeessotni barnootaa olaanoo waliin ta'uun mariifi haalli qophii irratti guyyoota 4f kan waliin turan ta'uu kaasun qulqullina barnootaa mirkaneessuf biiroon keenya xiyyeeffannoo hojjataa jiru, barnoota qulqulluu gahumsa barattoota keenyaa fooyyessu irratti akkuma hojjannu sirna madaallii barnootaafi gahumsa barattoota keenyaa ittiin mirkaneessinu keessaa tokko Qormaata istaandardii isaa eeggateefi qulqullina qabu qopheessun murteessaa ta'uu ibsuun barsiisotni MBBAfi MBA irraa filatamtanii dhuftaniifi ogeessotni barnootaa BBO irraa dhufatan hundi keessan imaanaa isinitti kenname gahumsan akka bahattan jechuun dhaamsa dabarsaniiru. Qormaatni bu'aa barachuu barattootaa madaaluu danda'a jechuun hayyootni barnootaa hedduun irratti walii galan keessaa tokko qorannoo "#Bloom’s Taxonomy" yoo ta'u, qormaatni mala kanaan qophaa'u #gaaffilee_salphaa barattootni yaadachuufi hubachuu danda'an 20% -30%, #gaaffilee_giddu_galeessaa barattootni hubachuufi gochaan hojjachuu danda'an 40% -50%fi #gaaffilee_ciccimoo barattootni qaaccessuu, madaaluu kalaquufi walsimsiisuu danda'an 20% -30% qopheessuun bu'aalee barachuu barattootaa adda baasuf gargaaru ta'uu agarsiisa. Oromia Education Bureau
15