Biiroo Barnoota Oromiyaa: post #560 — TG.ME

Qormaatni Madaallii Gahumsa Ogummaa Barsiisotaafi Hoggansa Manneen Barnootaa Guyyaan Beekame. --------- BBO- Guraandhala 21/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaa barsiisotaafi hoggansa manneen barnootaa naannichaa yeroo yeroon qormaata madaallii gahumsa ogummaa barsiisotaafi hoggansa manneen barnootaa mirkaneessu kennuun Heyyama Gahumsa Ogummaa kennaa turuun ni beekama. Haaluma kanaan bara 2018 keessa qormaata marsaa bara kanaaf kennamu fudhachuuf fedhiin 'online'n galmaa'an:- #Barsiisotniifi_hoggansi manneen barnootaa Sad.1ffaa (kutaa 1-6) barsiisan - 11,572 #Barsiisotniifi_HMB_Sad_Giddu_Galeessaa (kutaa 7-8) barsiisan - 7,244 fi #Barsiisotniifi_HMB_Sad_2ffaa (kutaa 9-12) barsiisan - 5,776 , #Walumaa_galatti naannoo keenyatti fedhiisaanitiin galmaa'un #guyyaa_qormaataa_madaallii_ogummaa_eeggachaa_jiran 24 592 ta'uun beekameera. Qormaatni Madaallii Gahumsa Ogummaa Barsiisotaafi hoggansa manneen barnootaa Bara 2018 Kennamu #Akka_Biyyaatti_Guyyaafi_Sa'aatii #Walfakkaatu_Keessatti_Kan_Kennamu Ta'uu Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Ergaa Dabarseera. Kanaafuu, #Guyyaa_Qormaataa :- Bitootessa 28/2018, #Sa'aatiin Qormaataa :- Ganama Sa'aatii 3:00 - 5;00 tti kennama. #Haala_Qormaataa :- 'Online' kompitaraan #Qophii_Qormaataa:- Barsiisaan hunduu Sadarkaa Sadarkaa Barsiisaa Jirutti Gosa barnootaa barsiisaa Jiru keessaa qophaa'a. #Iddoo_Qormaataa:- Waajjirri Barnootaa Godinaalee, Magaalotaa, Kutaa Magaalotaafi Aanaaleen ogeessota ICT isaanii waliin ta'uun dursanii kan isin beeksisan ta'uu kallattiin kennameera. #Barsiisummaan_Handhura_Ogummaa_Maraati! 💙Oromia Education Bureau 💠

❤15🔥2👍1
March 1, 2026 4.3K