Gootichi too'annaa fincila Reejimantii Komaandoo godina Wallagaa aanaalee garaagaraa keessatti injifannoo gootummaa fi daangaa ofii irratti wareegama qaalii kafaluun sabichaa roorroo fi bittaa jalaa baasaa jiraachuun ni beekama kanaanis yeroo ammaa kana miidiyaan hawaasa hunda biratti nama beekamti hin qabnee hanga tiktokaroota gurguddoo jiranitti gama feecbook fi tiktokiin dhimma yeroo ta'ee posotamaa jira. Haa ta'u malee yeroo ammaa kana dhimma kana kallattii lamaan ilaaluun ni danda'ama jechuunis faayidaa inni injifannoo qabuu fi miidhaa inni injifannoo irratti qabu.kanaaf yeroo miidiyaa garaagaraa irratti post goonu iccitii military hin tuqnee fi haala Dambii fi qajeelfamni addaa poolisii Oromiyaa jedhu irratti hundaa'uun midiyaaleen beekkamtiin kennameef qofti osoo poostii goone yaada jedhuun qaba. Ergaan kun ammaaf akka of eeggannoo fi ergaatti ta'uus booda itti gaafatamummaa dhufuuf bu'uura waan ta'eef of eeggannoo gochuu qabna. Injifannoon kan gooticha too'annaa fincila Reejimantoota Komaandoo Oromiyaa haa ta'u.
Gootichi too'annaa fincila Reejimantii Komaandoo godina Wallagaa… — Qajeelcha To'annaa Fincilaa Rejimantii Komaandoo 11ffaa Galaan — TG.ME
August 17, 2026 228