#PORNOGIRAAFIIN MAALI? (FIILMII SAL-QUNNAMTII SAALAA ILAALUU) KUTAA KUTAA DHAN ISIINIF QOODNA CHANNEL KEENYA JOIN GOCHUUN NU HORDOFAA JOIN👇👇👇👇👇👇 @AGAPE_FILMS @AGAPE_FILMS Akkuma waadaa isiinif galle barnoota fi gorsa walitti fufaa dhimma #pornogiraafii irratti kennuu eegallee jirra hamma kutaa xumuraatti nu waliin yoo turtan waa guddaa akka buufattan homaa shakkii hin qabuu Gorsi kun nama hundaaf waan barbaachisuuf hiriyyoota keessaniif qoodaa gara maatii channel keenyatt affeeraa Gorsi walitti fufaan kun torbanitti yeroo tokko waan dhiyaatuufi kutaa kutaan hiramee kan gadi dhiifamu ta'a Wal wajjin deemsi itti fufa #Kutaa_1_ffaa #Seensa_pornoogiraafii(fiilmii sal_qunnamtii ilaaluu) Yeroo tokko addunyaa „Google‟ irratti baay‟inaan qunnamtii saalaa (sex) na barbaadi „search‟ godhi jecha jedhu biyyoota 5 keessaa isin Itoophiyaanonni tokkoffaa dha jedhamnee turre. Kuni kan argisiisu biyya keenya keessatti namoonni araada pornogiraafii ilaaluun qabaman baay‟ee ta‟uu isaa ti. Araadni kunis akkuma araada biroo ifaan ifatti nama araadichaan qabame irratti kan hin mul'anne ta'ee akkasumas saba keessatti odeeffannoo gahaa waan hin qabaanneef lakkoofsi warra araadichaan qabamanii olaanaa akka ta'eetti tilmaamama. #Jalqaba_irratti_Pornogiraafiin_maali dha? Pornogiraafiin kan argame jecha pornographi jedhu irraa yoo ta‟u yeroo durii hiika jecha ,setanya adaarii" jecha jedhu ibsuuf fayyada ture. Yeroo ammaa garuu jechaa fi suuraa irraa gara agarsiisa viidiyootti guddachuu isaa ni argina. Suuraaleen, Viidiyoon kamiyyuu, fiilmiin, barreeffamni akkasumas wal jijjiirran jechaa walqunnamtii saalaaf fedhii namaa kakaasan pornogiraafii jedhamu. Yeroo ammaa kanatti pornogiraafii ilaaluuf kanaaf kan qophaa‟an fuula baay‟een jiraatanis isaan irra darbee kaayyoo kanaaf kan hin qopheeffamne miidiyaa hawaasaa jechuunis kan akka telegram, twitter, facebook, fi kan kana fakkaatan fayyadamuun araada pornograafiif saaxilamu. Bara keenya kanatti pornogiraafiin haala salphaan argamuu waan danda‟uuf araadaaf saaxilamuun baay‟ee yaaddessaa akka ta‟u taasiseera. Pornogiraafiin namoonni akka araadichaan qabaman taasisuuf dandeettii kan qabu yoo ta‟u tamboo, jimaa fi mi‟ooftulee kanneen biraa caalaatti miidhaan geessisuu danda‟u ifaan ifatti bira gahameera. #Waa’ee_Pornogiraafii_Qorannooleen_maal_jedhu? o Akka qorannoo waa'ee pornogiraafii hojjetame argisiisutti namoonni pornogiraafiif saaxila kan bahan umurii waggaa 11 irraa jalqabeeti. o Interneetii irratti odeeffannoo argaman keessaa walakkaan isaanii odeeffannoo pornogiraafii fi pornogiraafii waliin kan wal qabatanii dha. o Guyyaa guyyaan fayyadamtoonni interneetaa 25% ta'an pornogiraafii warra ilaalanii dha. o Interneeta irraa kan buufaman "download" ta'an 35% waa‟ee pornogiraafiin walqabatu. o 34% kanneen ta‟an fayyadamtoonni interneetaa immoo utuu hin jaallatiin sababa odeeffannoo fi beeksisa garaagara gadhiifamaniin pornogiraafiif saaxilamu. o Fuula addunyaa irra jiran keessaa 12% kan ta'an fuula pornogiraafii ti. o Addunyaa keenya kana irra namoota jiran keessaa maallaqa hedduu kan argatan warshaa pornogiraafii keessa kanneen jiran ni argamu. o Kooriyaa kaabaa keessatti pornogiraafii fi wantoota pornogiraafiin walqabatan tamsaasuu akkasumas ilaaluun murtii du'aan adabsiisa. Fakkeenyaaf kanan isiniif kaa'e tuqaaleen haqa ta'an kunniin xiyyeeffannoo akkamii fudhachuun akka barbaachisu kan argisiisanii dha. Kuni biyya keenyatti mata-duree baay'ee itti hin bu'amne ta'us dhaloota, ofii keenyas baraaruudhaaf jennee irratti dubbachuuf dirqamnee jirra. #kutaa_2_ffaa........ MALLATTOO ARAADA PORNOGIRAAFII... KUTAA hunda hordoofuf link gadiin join godhii eeggadhu JOIN👇👇👇👇👇👇 @AGAPE_FILMS @AGAPE_FILMS
PORNOGIRAAFIIN MAALI? (FIILMII SAL-QUNNAMTII SAALAA ILAALUU) KUTAA… — AGAPE FILMS-SDA VOICE — TG.ME
May 19, 2026 4K 4