ADEMO TECH 💻: post #1414 — TG.ME

#TELEGRAMUPDATE

Telegram dhiyeenya kana Update haaraa hedduu ifa godhee Jira. Isaan keessaa Muraasa isaanii.

1. AI Text Editor (Barreeffama AI Gulaaluu)

Barreeffama dheeraa yeroo barreessinu, AI’n gargaaramuun:

Translate: Barreeffama gara afaan barbaaddaneetti hiikuu.

Grammar Fix: Dogoggora qubeewwanii fi seera-lugaa sirreessuu.

Tone & Style: Barreeffama keessan bifa adda addaa akka Formal, Short, Tribal, ykn Corp ta'utti mijeessuu.

💡 Akkaataa itti fayyadamaa: Appii keessan erga update gootanii booda, bakka barreeffamaa irratti sarara 3 fi isaa ol yoo barreessitan, mallattoo AI dhuftu tuquun itti fayyadamaa!

2. Polls Haala salphaan edit gochuu

🖼️ Media Attach: Filannoo keessatti Suuraa, Viidiyoo fi bakka (Location) dabaluu.

🙋‍♂️ User Suggestions: Namoonni filannoo irratti yaada (options) akka dhiyeessan hayyamuu.

🔀 Random Order: Filannoowwan namoota adda addaaf bifa wal-makaa ta’een akka dhiyaatu gochuu.

3. Document Scanner (iOS Qofaaf) 📄

Fayyadamtoota iPhone qofaan kan hojjetu yoo ta'u, sanadoota (documents) keessan gara dijitaalaatti jijjiiruuf:
Appii Telegram keessatti Attachment menu bani. File kan jedhu erga tuqnee booda, Scan Document kan jedhu filachuun documents scan gochuu dandeenya.
@ADEMO_TECH

#TelegramUpdate #AITech #Telegram #Ademo_tech #TechNews
❤7
April 7, 2026 389