Gurbaa Tokkotu Ayyaana Cuuphaa kabajuudhaaf Gondar deeme. Yeroo kana Warra Moloksee gadaamii keessa jiraatan duukaa walbara. Hojiin isaanii itti tolee, isaan biratti hafa. Isaanis nyaata kennaniifii gara toorban tokkoo achi tura. Yeroo kana sagalee hin baratamiin wayii gadaamicha kutaa wayii keessaa dhagaha. Innis "sagalichi kan maaliti" jedhee isaan gaafata. Isaanis "Ati moloksee waan hin taaneef, sagalichi kan maalii akka tahe sitti hin himnu" isa jedhu.
Gurbaan sagalichi maal akka tahe baruuf waggaa lamaaf gadaamicha keessa hojii tola ooltummaa hojjachuu itti fufe. Achiin ammas waa'ee sagalichaa isaan gaafate. Isaanis ammas akkuma duraa "Ati moloksee waan hin taaneef, sagalichi kan maalii akka tahe sitti hin himnu" isa jedhu. Sagaleen sun waan qalbii isa hateef sagalichi kan maalii akka tahe baruuf "ammas itti fufee waggaa lamaaf tola ooltummaa yoon hojjadhe natti himuu malu" jedhee gadaamicha keessa hojiiwwan garagaraa hojjachuu itti fufe. Waggaa afur booda deebisee sagalichi kan maalii akka tahe isaan gaafate. Isaanis ammas deebisanii "Ati moloksee waan hin taaneef, sagalichi kan maalii akka tahe sitti hin himnu" isa jedhu.
Gurbaan kanarrahoo jedhee murteessee barumsa moloksummaa barachuuf murteessa. Waggaa sadiif erga barumsa Moloksummaa fi amantaa baratee fixee boodas guyyaan gahee sagantaan qophaa'ee moloksummaan kennamaafii. Gurbaanis gammadee "amma moloksee waanan taheef, sagaleen hin baratamiin sun kan maaliti?" Jedhee gaafata. Isaanis "Amma moloksee waan taateef ofiikee dhaqi, seenii ilaali" jedhanii nama achi keessa isatti argisiisutti kennu.
Namichis gara kutaa dhiphoo keessa isa fudhatee, seene. Kutaan dhiphoo sunis gara kutaa baldhaa tokkotti isaan baase. Dhumarratti kutaa baldhaa sana booda kutaa dhiphoo tokkotti gaafa bahu sagalee hin baratamiin sun kan maalii akka tahe bare. Sagaleen hin baratamiin sun kan maalii akka sitti himuu? Hin himu, sababni isaa ati moloksee waan hin taaneef.😁
https://t.me/jecha_hayyuu