#Ameen_jedhaa!!
Mucaa hiriyyaakoo tokkotu taa'ee aara. Bira deemeen maal taate jennaan, "Waan bareedaa tokko barreessee, 'Ameen jedhaa jedheetan ture, hamma ammaa namni ameen jedhe hin jiru. Isa ilaaleen taa'ee aaraa jira" naan jedhe. Asiif achi ilaaleen, "Meerre namoonni suni eessa jirun" jedhe. FB irratti akka ta'e na hubachiise. Ajaa'ibsiifadheen, "Akka isaan ameen hin jenne akkamiin dhageesseree, gurrakee waliin maxxansitemoo" jedheen gaafadhe. Ammas aariidhaan "Hin argituu, namni jecha tokko barreesse hin jiruum" naan jedhe. Itti kolfeen, " Ameen jedhaa, jette malee barreessaa yoom jetteree? Ameen jedhaniiru ta'aam" nan jedheen. Mataa raasee, "Edit godhee barreessaa jechuuree?" naan jedhe. "Maaliif hammana si dhiphise?" jedhee gaafannaan, "Firaaf diina mirkaneeffachuuf jedheeni" jedhe. Mee FB kan irraa diinota meeqa qabdu isin? Afaaniin osoo hin taane, barreeffamaan natti himaa!! 🤣🤣










