ADEMO TECH 💻: post #1388 — TG.ME

🔐💸 Maallaqa Keessan Saamtoota Dijitaalaa Irraa Eegaadhaa!
Dogoggora 6 fayyadamtoonni Mobile Banking yeroo kamiyyuu hojjachuu hin qabne
Mobile banking fayyadamuun salphaa ta’us, of-eeggannoo dhabnaan balaa maallaqaa fiduu danda’a. Kanaaf akeekkachiisa armaan gadii sirriitti dubbisaa 👇
1️⃣ PIN namaaf hin qoodinaa
🚫 PIN salphaa akka 1234, 0000, bara dhalootaa hin fayyadaminaa
🔄 PIN keessan yeroo yeroon jijjiiraa
Nama kamiifuu PIN hin kenninaa
2️⃣ Koodii OTP hin kenninaa
📩 OTP (lakkoofsa 4 ykn 6) kan dhuunfaa keessan qofa
🚨 OTP kennuun = furtuu maallaqa keessan kennuu dha
3️⃣ Liinkii sobaa (Phishing) irraa of-eegaa
⚠️ Ergaa akka “Herregni kee cufameera” ykn “Badhaasa mo’atteetta” jedhan shakkadhaa
🔗 Liinkii shakkisaa hin tuqinaa
📞 Lakkoofsa baankii sirrii qofa fayyadamaa (fkn: CBE – 951)
4️⃣ Appii baankii sirrii qofa fayyadamaa
Play Store ykn App Store irraa qofa buufadhaa
🚫 Appii Telegram/Bluetooth irraa ergaman hin install gochinaa
🔄 Appii yeroo yeroon update gochaa
5️⃣ Wi-Fi uummataa irraa fagaadhaa
📡 Kaafee, hoteela, buufata xiyyaaraa keessatti mobile banking hin fayyadaminaa
📱 Deetaa bilbila mataa keessanii qofa fayyadamaa
6️⃣ Bilbila keessan sirriitti eeggadhaa
🔒 Screen lock (PIN, Fingerprint, Face ID) fayyadamaa
🚪 Mobile banking fayyadamnee booda logout godhaa
📩 SMS alert banuun sochii maallaqaa hordofaa
🚨 Yoo bilbilli bade ykn maallaqni hatame:
☎️ Mobile banking ariitiin akka cufamu taasisaa
📵 SIM card dafnee cufsiisaa
Nama biraa eeguuf share gochaa!
📲 Odeeffannoo teeknooloojii dabalataaf 👉 @Ademo_tech hordofaa 🚀
👍11❤5
January 6, 2026 586