Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi sagantaawwan torbee 3ffaa… — ABC News Afaan Oromoo — TG.ME

Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi sagantaawwan torbee 3ffaa har’aa eegaluun taphatamu

Finfinnee, Hagayya 29, 2018 (FMC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi sagantaawwan torbee 3ffaa tapha har’a Ipisiwiich Taawoon Liiverpuul keessummeessuun eegalamu.

Har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee Ipisiwiich Taawoon Liiverpuul waliin taphata.

Boru ammoo taphoonni 7 kan taphataman yoo ta’u, waaree booda sa’aati 8:30 jalqabee Niwuukaasiil Boornimaawuuz waliin taphata.

Waaree booda sa’aatii 11:00 jalqabee Bireentifoord – Sandarlaand, Biraayitan – Liidis Yuunaayitiid, Fuulhaam - Kiristaal Paalaas, Maanchiister Siitiin - Kooventarii Siitii, akkasuma Notingihaam Foresti – Tootenhaam waliin falmatu.

Dabalataan galgala sa’aatii 1:30 eegalee Haal Siitiin Astoon Viilaa waliin morkata.

Dilbata waaree booda sa’aatii 10:00 jalqabee Eevartan - Maanchiister Yuunaayitiid keessummeessa.

Galgala sa’aatii 12:30 eegalee morkiin kilaboota Landan Arsenaalii fi Cheelsii gidduutti taasifamu xiyyeeffannoo olaanaa argateera.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌
❤2
September 4, 2026 607