Boqonnaa cichoominaa Itiyoophiyaa Itiyoophiyaan rakkoolee diinagdee… — ABC News Afaan Oromoo — TG.ME

Boqonnaa cichoominaa Itiyoophiyaa

Itiyoophiyaan rakkoolee diinagdee addunyaa fi dhiibbaawwan ji’ooopoolitiksii dandamachuun, qormaata gara carraa seenaa qabeessaatti jijjiiruun kan danda’amu dandeettii keessoo qabaachuu malee, hirkattummaa alaarratti akka hin taane qabatamaan agarsiisteetti.

Hammattoowwan misoomaafi riifoormii mootummaan waggoota jijjiiramaa darban keessatti boce biyyattii dhiibaa alaa jalaa baasuun qormaata kam keessattuu kan hin mo’amne, birmadummaa hunda hammataa ta’e ijaaruuf bu’uura kaa’aa jira.

Riifoormiin damee qonnaa keessatti taasifame oomishtummaa guddisuu fi hirkattummaa roobaa hir’isuun, seenaa dheeraa gargaaramtummaa Itiyoophiyaa cabsuun, gara boqonnaa haaraa wabii midhaanii nyaataa mirkaneessutti ceesisuu danda’eera.

Misooma qamadii jallisii bonee, qonna kilaastaraa fi fayyadama teeknooloojii keessatti milkaa’inni galmaa’e, haala qabatamaa Itiyoophiyaan qamadii gargaarsa alaa irraa argamu irratti hirkachaa turte jijjiiruun, oomisha biyya keessaan of danda’uu bira darbee, bu’aa qabatamaa oomisha irraa hafaa biyyoota ollaaf dhiyeessuu kan dandeessise agarsiiseera.

Indaastiriin oomishaa dandeettii oomishuu fi sadarkaa idil-addunyaatti dorgomtummaa fooyyessuun, qulqullinaa fi sona oomisha albuudaa dabaluun, dhiibbaa liqii alaa hir’isuun, akkasumas gabaa sharafa alaa tasgabbaa’aa uumuu fi diinagdee gooroo tasgabbaa’aa mirkaneessuun, qaala’iinsa jireenyaa to’achuurratti milkaa’inni guddaan galmaa’eera.

Paarkiin indaastirii ce’umsa teeknooloojii mirkaneessaa jiru. Oomiishaaleen simintoo, sibiilaa fi keemikaalaa fedhiin biyya keessaa gahumsaan akka guutamu taasisaniiru.

Kana malees, albuudota gati jabeeyyii kanneen akka warqee fi taantaalamii hojimaata daldala meeshaalee dheedhii jalaa baasuun, biyya keessatti akka qulqullaa’an, sona dabaluun gara biyya alaatti akka ergaman taasisuuf tattaaffiin taasifame, dandamannaa diinagdee keenya cimsaa jira.

Imaammanni oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu hojiirra oolee fi fooyya’iinsi sirna gibiraa, dandeettii biyya keessaa cimsaa, bilisummaa baajataa keenya mirkaneessaa itti fufaniiru.

Damee dijitaalaa, anniisaa, misooma qabeenya namaa fi fayyaa keessatti fooyya’iinsi bal’aan taasifame, teeknooloojii, anniisaa fi dhiyeessii meeshaalee yaalaan of danda’uuf dandeettii uumeera.

Sirni eenyummeessaa biyyaalessaa “Faaydaa” fi sirni kaffaltii dijitaalaa, daataa lammiilee to’annoo fi eegumsa dhaabbilee alaa jalaa bilisa baasaniiru.

Paarkiin Farmaasiiyuutikaalaa Qilinxoo fi indaastiriiwwan qorichaa biyya keessaa biroon, qorichawwan bu’uuraa, oksijiinii yaala fayyaa fi dhiyeessii talaallii biyya keessatti oomishuun, qorichawwan fi meeshaalee yaala fayyaa alaa galan hambisuun damee fayyaa keessatti dandeettii birmadummaa uumaniru.

Kana malees, sirna kalaqaa dargaggootaa fi dandeettii dijitaalaa guddisuuf hojiiwwan Istaartaappii bu’uura humna keessoo keenya ta’aniiru.

Hojiileen maddoota anniisaa haaromfamaa, dabalatee Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa, akkasumas sagantaan Ashaaraa Magariisaa, dandeettii dhiyeessii anniisaa guddisuun Itiyoophiyaa maddaa anniisaa haaromfamaa naannichaaf taasisuu danda’aniiru.

Saaxilamummaa jijjiirama qabeenya qilleensaatiin dandamachuunis fakkeenya ta’uun danda’ameera.

Haala dippilomaasii fi ji’ooopoolitiksii keessattis, biyyattiin miseensa BRICS ta’uun, Naannoo Daldala Walaba Afrikaa (AfCFTA) fi waltajjiiwwan idil-addunyaa biroo keessatti faayidaa waloo fi imaammata hariiroo alaa walaba ta’eef dursa kennuun, ejjennoo birmadummaa ishee cimsatteetti.

Dandeettii loltummaa olaanaa dhaabbileen nageenyaafi Raayyaa Ittisa Biyyaa ijaaran fi dandeettiin keessoo ofiin oomishuus danda’uu keenyaaf ragaa ta’uu bira darbee, mallattoo kabaja biyyaalessaa ta’aniiru.

Milkaa’inoota kana hundaaf abbaa kan ta’e uummanni keenya, yeroo ammaa hoggansa mootummaa Ida’amuu, ilaalcha gargaaramtummaa waggoota dheeraa cabsee bahuun, damee hundaan seenaa haaraa barreessuu jalqabeera.

Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa.
❤1
September 1, 2026 765