BEEKSISA GALMEE BARATTOOTAA
Guyyaa: 16/12/2018
Barattoota Mana Barumsaa Moodela Adaamaa Olaanaa Sadarkaa 2ffaa fi barattoota haaraa galmaa’uuf dhuftan hundaaf
Manni Barumsaa Moodela Adaamaa Olaanaa Sadarkaa 2ffaa barattoota sagantaa idilee keessatti barachaa turan, akkasumas barattoota haaraa mana barumsichaatti galmaa’uuf dhuftan hundaaf beeksisa kana dabarsa.
Galmeen barattootaa Hagayya 18/12/2018 irraa eegalee hanga Qaammee 5/13/2018 qofa keessatti kan gaggeeffamu ta’uu hubachuun, yeroo murtaa’e keessatti galmee keessan akka xumurtan isin beeksifna.
Ragaalee Barbaachisan
1. Barattoota bara 2018 mana barumsichaa keessatti barachaa turtaniif:
Kaardii daree irraa gara dareetti ittiin ceetan (Class-to-Class Card) qabattanii dhuftu.
2. Barattoota kutaa 9ffaa haaraa galmooftaniif:
A. Kaardii bu’aa qorannoo Ministirii kutaa 8ffaa orijinaalaa fi kooppii, akkasumas waraqaa gaggeessituu qabachuu.
B. Waraqaa eenyummaa (Fayidaa ID) maatii fi barataa kooppii dhiyeessuu.
C. Suuraa maatii tokkoo fi suuraa barataa tokko qabachuu.
D. Maatii fi barataan qaamaan argamuun galmee raawwachuu qabu.
E. Doosee/kilaaseerii faayila galmee qabachuun, ganama sa’aatii 2:00 irraa eegalee galmee akka raawwattan isin beeksifna.
Kanaaf, barattoonni fi maatiin isaanii ragaalee barbaachisan guutuu qopheeffachuun, yeroo galmee keessatti qaamaan argamuun galmee isaanii akka xumuran ni hubachiifna.
Mana Barumsaa Moodela Adaamaa Olaanaa Sadarkaa 2ffaa (AMSSS)
የተማሪዎች ምዝገባ ማስታወቂያ
ቀን፡ 16/12/2018
ለአዳማ ሞዴል ከፍተኛ 2ኛ ደረጃ ት/ቤት ነባር ተማሪዎችና አዲስ ለመመዝገብ ለምትመጡ ተማሪዎች በሙሉ፦
የአዳማ ሞዴል ከፍተኛ 2ኛ ደረጃ ት/ቤት በመደበኛ ፕሮግራም ሲማሩ የነበሩ ተማሪዎችንና አዲስ ለመመዝገብ የምትመጡ ተማሪዎችን በሙሉ ይህንን ማስታወቂያ ያስተላልፋል።
የተማሪዎች ምዝገባ ከ18/12/2018 እስከ 5/13/2018 ብቻ የሚካሄድ ስለሆነ፣ በተወሰነው ጊዜ ውስጥ ምዝገባችሁን እንድታጠናቅቁ እናሳስባለን።
የሚያስፈልጉ ማስረጃዎች
1. በ2018 የትምህርት ዘመን በት/ቤቱ ሲማሩ ለነበሩ ተማሪዎች፦
ከክፍል ወደ ክፍል ለመዘዋወር የሚያገለግለውን የክፍል ሽግግር ካርድ (Class-to-Class Card) ይዘው መምጣት አለባቸው።
2. አዲስ የ9ኛ ክፍል ተማሪዎች፦
ሀ. የ8ኛ ክፍል የሚኒስቴር ፈተና ውጤት ካርድ ኦሪጅናልና ኮፒ፣ እንዲሁም መሸኛ ደብዳቤ ይዘው መምጣት።
ለ. የቤተሰብ እና የተማሪ የፋይዳ መታወቂያ (Fayda ID) ኮፒ ማቅረብ።
ሐ. አንድ የቤተሰብ ፎቶ እና አንድ የተማሪ ፎቶ ማቅረብ።
መ. ቤተሰብ እና ተማሪው በአካል ተገኝተው ምዝገባውን ማከናወን አለባቸው።
ሠ. የምዝገባ ዶሴ/ክላሰር (ፋይል) ይዘው፣ ከጠዋቱ 2፡00 ጀምሮ ምዝገባችሁን እንድታከናውኑ ት/ቤቱ ያሳስባል።
ስለሆነም፣ ተማሪዎችና ቤተሰቦቻቸው ለምዝገባ የሚያስፈልጉትን ማስረጃዎች ሙሉ በሙሉ በማዘጋጀት፣ በተወሰነው የምዝገባ ጊዜ በአካል በመገኘት ምዝገባቸውን እንዲያጠናቅቁ እናሳስባለን።
የአዳማ ሞዴል ከፍተኛ 2ኛ ደረጃ ት/ቤት (AMSSS)






















