#SagaleeSabaa #Arsii
Godina Arsii lixaa Ganda nansaboo cabbii jedhamutti qaala'iinsa jireenyatiin wal qabatee hawwaasni komii isaa dhiheeffate.
Gandichattii daldaltoonnii seeraan ala meeshalee garaagaraa irratti daballii Gatii taasisaanii dhiheessaa kan jiran ta'uun ibsameera.
Wayita kanatti zayita nyaataa fi Beenzila irratti daballiin gatii hin malle mul'achaa akka jiru hawwaasni gandichaa heeruu laataniin himaniiru.
Zayita nyaataa 1L=Qarashii 300, Beenzilli 1L=qarshii 150 tti,sukkaarrii 1kg=150tti gurguramaa akka jiru kaasaniiru.
Kanaafuu hawwaasnii Gandichaa rakkoo daballii gatii gurgurtaalee tokko tokko irratti taasifameen rakkachaa akka jiran heeruudhaan qaamni dhimmichi ilaallatu furmaata nuuf kennuu qaba jechuudhaan komii isaanii dhiiheeffatanii jiru.
SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!
📡 MIIDIYAA https://t.me/ABDII_SABBA

7
1August 21, 2024 2.7K 3 1