Yaadni Ati Mataa Keetiif Qabdu...❗ ▬▬▬▬▬▬▬▬ ⫸ Filannoo fi ejjennoon ati ofiif qabdu maalidha? Namoonni baay'een waa'ee namoota biraa beeku. Waa'ee isaanii garuu ni dagatu. ⁃ "Akka isaatti (isheetti) utuun jiraadhee wanti hundinuu naaf salphaa ture" yommuu jedhan dhageenya. ⁃ Akka mataa ofiitti jiraachuu dagatanii jireenya nama kan biraa jiraatu. ༄ Akkuma jireenya namoota kan biraa jiraachuu hawwitu, adeemsa keetis namoonni kanneen biraa akka adeemuu jaalatan gochuu ni dandeessa. ༄ Filannoo fi ejjennoon yookiin ilaalchi ati ofiif qabdu murteessaa dha. QABXIILEE GURGUDDOO EJJENNOO MATAA OFII ITTIIN GUDDIFATAN: ❍ Jaalannus, jibbinus jireenya guyyaa guyyaa keenya keessatti murtoo ittiin gara fuulduraatti ittiin adeemnu ni murteessina. ❍ Qabxiilee armaan gadii beekuun murtoo fudhannu irratti cimina dabala. ⓵. Waan ta'uu barbaaddu beeki! ⓶. Gorsa nama irraa fudhadhu, madaali, garuu murtoo mataa kee fudhadhu! ༄ Gorsa nama irraa fudhachuun karaan kee maal akka ta'e caalmaatti hubachuuf si gargaara. ⓷. Yaada kee dhaggeeffadhu! ⓸. Akka karaan kee sirrii ta'e sammuu keetiif mirkaneessi! ⓹. Ofitti amanuu of barsiisi! ༄ Namni hunduma dursitee itti amanuu qabdu mataa keeti. ("The person you need to trust first is yourself") ✅️https://t.me/ABDII_SABBA
Yaadni Ati Mataa Keetiif Qabdu...❗ ▬▬▬▬▬▬▬▬ ⫸ Filannoo fi ejjennoon… — ABDII SABBA — TG.ME
October 3, 2024 4.8K 30 15