ABDII SABBA: post #364 — TG.ME

14/12/ 2016
#BEEKSISA
#Barsiisota_Qacaruu_Barbaadna!
----------
Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barsiisota Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa 7 Keessatti Barsiisuuf Ulaagaalee asii gadii guutuu danda'an dorgomsiisee qacaruu barbaada.
Kanaafuu, Barsiisotni #Barattoota_Qaxalee_Manneen_Barnootaa_Ifa_Boruu_Bultii_Addaa Sad. 2ffaa #keessatti_baratan_barsiisuu_barbaaddaniifi_ulaagaa guuttan akka dorgomtan waamichi isiniif taasifameera.

#Guyyaa_Galmee:
15/12/ - 24/12/2016 guyyoota hojii qofa.
#Iddoo_Galmee :-
- Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa - 7'n hunda keessattiifi
-Biiroo Barnootaa Oromiyaa(Finfinnee) kutaa Daayirektoreetii Hordoffii Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaafi Addaatti galmaa'uu ni dandeessu.

#HUBACHIISA:-
Odeeffannoo Guutuu Argachuuf #Barreeffama_Fuula_Shan(5) qabu Asii Gaditti Maxxansineerraa. Dubbisaa.
#Carraa_Gaarii !
August 21, 2024 1.9K