Abbaa Amantii Cimaa
Firii Amantii siin jedhan maqaa kee
Dhuguma isuma Takliyyee Hojjaan kee
Anis nan dubbadhaa abbaa amantii cimaa
Qabsuura kee guddaa olkaaseetan himaa
Lammiidhuma asii dhalataa Itiyoophiyaa
Firii Tsaggaa Za'aab kan Igzi'aariyaa
Gooticha amantii akkuma maqaa isaa
Misirroo Kiristoos mee ka'een leellisaa
Kamirraa ka'uree Qabsuurri isaa hedduudhaa
Himamees hin dhumuu raajiin isaa guddaadhaa
Kanaafin jedhe ani Takliyyeen cimaadhaa
Abbaa biyya maraa Qulqulluu addaadhaa
Kamirraa jalqaburee biyyaatiif soomuu kee
Moo seexana fayyisuu kee
Moo waggoota hammanaa Bishaan keessa jaajjuu kee
Moo diinni si qoruuf miila sirraa kutuu kee
Qofa hedduudha mee seenaan kee hin dhumu
Abbaan akka keetiis tasumaa hin argamuu
Kanaaf siif galekaa Gooftichis waadaadhaa
Jabina amantii keet innumaa guddaadha
Amantiin guutamtee mukti ati abboomtee
Si'iin sodaachuudhaan bakka dhiiftee deemtee
Seexannis sodaadhaan kufee si kadhatee
Jabina amantii kee jabeessee waan hubatee
Maal kana qofaree raajiin kee hedduudha
Amanuuf ulfaataa yaada namaan olidha
Duuka Bu'aa Haaraa yoon jedhe hin xiqqaatuu
Wanta akkas ta'eef ajaayiba keetuu
Naannoftee barsiiftee Itiyoophiyaanotaa
Lallaba keetinii goote Kiristiyaanotaa
Kan hidhames hiiktee harka diinaa jalaa
Aangoo inni siif kenneen goote tajaajilaa
Gidduu gidduun kaadha dhuguma kunillee
Yeroof malee seenaa guutuu yoomin wallaalee?
Keessa keessaan isinitti hima kaan isin dubbifadhaa
Garuu amanuudhaaf baay'ee ulfaataadha
Har'as diinni kalee inni siin dadhabe
Waadaa keen akka hin fayyine laphee keenyas qabe
Amantii nu dhoowwee soba nutti fakkeessee
Garuu fayyinarraa inumaa nu fageessee
"Kan amantii qabu na caala hojjeta"
Kan jedhame sana nu dagachiisee jecha Gooftaa
Yaada mataa keenyaan sammuu keenya hidhee
Akka hin amanneef nuhumaan nu miidhe
Waadaan kee cimaadhaa kan si'iif galamee
Jabina amantii keef aangoon siif kennamee
Si'ii mitii dacheen ati itti awwaalamtee
Yeruma hunda nyaatti kunoo yoom beeloftee?
Egaa keessa seennaan seenaa kee himee hin fixuu
Inni laphee seenaa kee amanu naaf haa laatu
Eebbiif kadhannaan kee anas na haa yaadatuu
Akka narraa hiikuuf diina naan xabatuu
Galanni Waaqayyoof isa si nuuf kenneef
Dabaleetan jedhaa Galanni isaa haa ta'uuf
✍️F/taa Qananiisaa Dabalee
♡ ㅤ ❍ㅤ ⎙ ⌲ 🔕 🏆
ˡᶦᵏᵉ ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ ˢᵃᵛᵉ ˢʰᵃʳᵉ ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
@walaloo0
@Qananiisaa1
👇barumsaaf👇
@Faaruu_fi_Barumsa_Ortodoksii
👇yoo isinitti tole youtube keenya subscribe gochuun nu jajjabeessaa 👇
https://youtu.be/5afdkBpL1sc?si=XPgNWFXKtZvFGKfc