Al-ikhlaas Al-ikhlaas »۞ « Wanti sodaatamu hedduullee taatu irra… — Shaafii Muhammad Channel — TG.ME

۞« Al-ikhlaas Al-ikhlaas »۞

« Wanti sodaatamu hedduullee taatu irra sodaatamtuun wanti nuti ofirraa sodaachuun akkaan barbaachisuu; wanti nuti sooshaal miidiyaa irratti facaasnu kan rabbiif ﷻ hin qulqulleeyfamin tan fuulli isaa qofti ittiin hin barbaadamin ta'uudha.

Ammallee wanti nuti facaasnu osoo shari'aa fii safuu hawaasaa kan faalleeysitullee taatee wanti nuti namootaaf dhiheessinu sun kan fedhii fii dhandhama isaanii irratti hundaa'e ta'uu fii yaadni keenya yaachisaan hordoftoota heddummeeyfachuu ta'uudha.

Kana jechuun kheeyrii facaasuu irraa dhaabbachuu fii namoota fayyaduu irraa of booda deebi'uu jechuu miti. Waan funaannee miidiyaalee hawaasaa irratti facaasnu keessatti lubbuu teenya of ilaaluu,niyyaa teenya fattashuu fii ikhlaasa qabaachuu irratti lubbuu tana guddisuun leenjisuudha.

Rabbiin ﷻ keessa keenya nu beeka. Waan qalbii keessaati nu laala. Rabbiin ﷻ garbicha deddeebi'ee lubbuu isaa of laalee isii tolchuuf itti tattaafate rahmata godheefiti isa gargaara.

Rabbiin ﷻ jechaa fii gocha keenya keessatti namoota dhugaa ta'uu akkasumas kophaa fii namoota birattiis ikhlaasa qabaachuu nuuf haa kennu.»

توجيهات لطالب العلم صـ ٢

Rabi'al Awwal 16,1448H
❤27👍21
August 28, 2026 2.2K 1