Misooma ogummaa, teekinooloojiifi cehumsa diinagdee cimaa ijaaruun galmoota badhaadhinaa milkeessuuf karoora ogummaan ofdanda'uu qixaan hojiirra oolchuun murteessaadha," Injinar Eebbaa Garbaa.
Hagayya 18, 2018 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa waltajjii gamaggama raawwii hojii bara 2018 fi marii karoora ogummaan ofdanda'uu bara 2019 irratti caasaalee isaa sadarkaan jiran waliin magaalaa Adaamaatti marii'ataa jira.
Kaayyoo waltajjichaa kan ibsan Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injinar Eebbaa Garbaa misooma ogummaa, teekinooloojiifi cehumsa diinagdee cimaa ijaaruun galma badhaadhina hundagaleessaa qabame milkeessuuf karoora ogummaan ofdanda'uu qixaan hojiirra oolchuun murteessaa ta'uu himaniiru.
Waltajjichis gabaasa raawwii hojii bara 2018 gamaggamuun ciminaalee jiran itti fufsiisuufi hanqinaalee mudatan immoo haala ittiin maqsuun danda'amurratti bal'inaan marii'achuuf, akkasumas karoora ogummaan ofdanda'uu bara 2019 irratti hubannoon walfakkaataan akka uumamu taasisuurratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsaniiru.
Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa ilaalcha ogummaa'uu irratti jiru jijjiiruufi aadaa hojii fooyyessuun fayyadamummaa lammiilee roga hundaan mirkaneessuufi bu'aqabeessummaa intarpiraayizootaa guddisuuf dokumentii sosochii qopheessaa turuu ibsaniiru.
Hirmaattonni waltajjichaas gaaffilee gurguddoo: qabeenya uumamaafi humna namaa bal'aa qabnu akkamitti diinagdeetti jijjiiruu dandeenya? sababoonni hojiidhabdummaa maal akka ta'aniifi akkamiittis xiqqeessuun danda'ama?, paakeejiiwwan deeggarsaa hojiibarbaaddotaaf dhiyaataa jiran maal akka ta'aniifi gama kanaan maal yoo jijjiirre fayyadamummaa intarpiraayizoota keenyaa mirkaneessuu dandeenya? barbaachisummaa misooma ogummaa hammam beeknee hogganaa jirra? hawwaasa keenyas hagam hubachiifne?dhimmoota jedhan bal'inaan kaasuun irratti marii'achuudhaan galtee karoora hojii bara 2019 taasifachuuf hirmaannaa ho'aa taasisuu akka qaban injinar Eebbaan kallattii kaa'aniiru.
Waltajjicharratti barreeffama ka'umsa marii "Hojiirra oolmaa Barnoota Hojiifi Gochaa" kan dhiyeessan Biiroo Barnootaa Oromiyaatti Daarektarri Sagantaa Barnoota Sadarkaa Lammaffaa kaadhimamaan Doktaraa Mangistuu Lataa, dargaggoonni barnoota gochaan deeggarame qabatamaan akka leenji'aniifi aadaa hojii akka gabbifatan taasisuuf dhaabbileen leenjiifi manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa qindoominaan akka hojjetaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Waltajjicharrattis hoggansiifi miseensonni manaajimentii Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa, Ittigaafatamtoonni Waajjira Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Godinaaleefi bulchiinsa magaalotaa, diiniiwwaniifi itti aantonni diinii kenna leenjii Kolleejjota Leenjii Teeknikaafi Ogummaa Naannoo Oromiyaa, akkasumas hoggansi Biiroo Barnootaa Oromiyaafi daarektaroonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa naannoo Oromiyaa hirmaachaa jiru.
Waltajiichis guyyaa har'aa irraa eegalee guyyoottan sadiif itti fufiinsaan kan gaggeeffamu ta'uun ibsameera.
Odeeffannoo haaraa argachuuf:
Tiiktookii keenya: https://vm.tiktok.com/ZMH3f9RdAj8Eb-l5CPk/
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/BCHUOO
Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau
Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro
Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/
E-mail: [email protected]












