Gowwoomsaa Laaptooppii Kana Irraa Of Eeggadhaa! Namni tokko maqaa… — GUTEE TECH — TG.ME

⚠️ Gowwoomsaa Laaptooppii Kana Irraa Of Eeggadhaa! Namni tokko maqaa piroosessaraa (processor) Wiindoowus irratti mul'atu jijjiiruun, laaptooppii moofaa akka waan haaraa ta'etti agarsiisuu akka danda'u beektuu? Akkaataa itti qorattaniifi maaliif maqaa piroosessaraa mul'atu qofa amanuu akka hin qabne kanatti aana. 🔍 Piroosessara Keessan Qoradhaa • Windows + R cuqaasaa • dxdiag jedhaa barreesstanii Enter cuqaasaa • Odeeffannoo Piroosessaraa kan mul'atu mirkaneeffadhaa. ⚠️ Mala Gowwoomsaa (The Trick) Namni tokko Rejiistrii (Registry) sirreessuun (edit gochuun) maqaa piroosessaraa Wiindoowus irratti mul'atu jijjiiruu danda'a: • Windows + R cuqaasaa • regedit jedhaa barreesstanii Enter cuqaasaa • Gara kanaa deemaa: HKEY_LOCAL_MACHINE → HARDWARE → DESCRIPTION → System → CentralProcessor → 0 • ProcessorNameString irratti dachaan cuqaasaa (double-click godhaa) • Maqaa piroosessaraa mul'atu sana gara maqaa biraatti jijjiiraa. 📌 Sababa: Kun maqaa piroosessaraa meeshaaleen Wiindoowus tokko tokko agarsiisan qofa jijjiira. Piroosessara (CPU) dhugaa kompiyuutara keessanii hin jijjiiru, hojii ykn hojjachiisa isaas hin fooyyessu. ✅ Akkaataa Of Eeggannoo Taasisan ✔️ Laaptooppii tajaajilamaa (used laptop) yeroo bitattan, maqaa piroosessaraa dxdiag ykn System Information irratti mul'atu qofa irratti hin hirkatinaa (hin amaninaa). ✔️ Meeshaalee (tools) garaa garaa fayyadamuun ispeesifikeeshinii (specifications) mirkaneeffadhaa, yoo danda'ame BIOS/UEFI qoradhaa, ykn odeeffannoo haardweerii (hardware) sana lakkoofsa moodeelaa fi ispeesifikeeshinii dhaabbata oomisheetiin wal bira qabaa madaalaa. ⚠️ Hubachiisa: Rejiistrii Wiindoowus (Windows Registry) dogoggoraan sirreessuun rakkoo sirna kompiyuutaraa (system issues) fiduu danda'a. Waan gochaa jirtan yoo sirriitti beektan qofa jijjiirama taasaa. Odeeffannoowwan barbaachisoo akkasii guyyaa guyyaan argachuuf GUTEE TECH join godha 👇 SHARE ➤ @OroTechGutee SHARE ➤ @OroTechGutee

August 28, 2026 531 1