ERGAA HUBANNOO HAWAASAA FI OGEESSOTA FAYYAAF
QUUFAA MORMAA (GOITER) / HUCCUBA
Waa’ee Quufa Mormaa/Huccubaa Waan Beekuu Qabnu
1. Quufni Mormaa/Huccubni hundi qorichoota akka PTU, Propranolol ykn Lugol’s iodine tiin yaalamuu qabaa?
Lakki!
Quufa Mormaa/Huccuba (Goiter) jechuun xannachi thyroid guddachuu ykn babal’achuu jechuudha.
Garuu sababoonni Quufa Mormaa/Huccuba fidaan adda addaa waan ta’aniif, hundi isaanii qoricha tokkoon hin yaalaman.
Namni tokko hormooniin thyroid isaa olka’uu danda’a; kan biraan sadarkaan hormoonii isaa sirrii ta’uu danda’a; kan biraan immoo hormooniin thyroid isaa gadi bu’uu danda’a.
Kanaaf:
DURA SABABAA ISAA ADDA BAASUU → SANA BOODA YAALA SIRRII KENNUU!
2. Quufni Mormaa/Huccubni hundi gosa tokkoo dhaa?
Lakki!
Quufni Mormaa/Huccubni bifa adda addaatiin mul’achuu danda’a:
- Diffuse goiter – xannacha thyroid guutummaatti guddate
- Multinodular goiter – qacceewwan/nodules hedduu qabu
- Solitary thyroid nodule – qaccee thyroid tokko
- Toxic goiter – hormooniin thyroid baay’inaan oomishamu waliin walqabatu
- Graves’ disease
- Thyroiditis
- Hanqina ykn baay’ina iodine waliin walqabatu
- Haalota muraasa keessatti kaansarii thyroid
Kanaaf, namoonni lama guddina huccubaa wal fakkaataa qaban illee, sababaan rakkoo isaanii fi yaalli isaanii garaagara ta’uu danda’a.
3. Quufni Mormaa/Huccubni hundi kaansarii dhaa?
Matumaa miti!
Quufni Mormaa/Huccubni baay’een isaanii kaansarii miti.
Garuu qacceewwan thyroid tokko tokko kaansarii ta’uu waan danda’aniif, yeroo barbaachisutti qorannoo sirrii gochuun murteessaadha.
Mallattoolee xiyyeeffannoo addaa barbaadan:
- Guddinni mormaa/huccubni saffisaan dabalaa jiraachuu
- Qaccee baay’ee jabaataa ta’uu
- Tuutni naannoo isaatti maxxanee sochii xiqqaa qabaachuu
- Lymph node mormaa keessatti mul’achuu
- Sagaleen jijjiiramuu
- Liqimsuun ulfaachuu
- Hafuura baafachuun ulfaachuu ykn kara qilleensaa irratti dhiibbaan uumamuu
Mallattooleen akkanaa yoo jiraatan, hatattamaan gara ogeessa fayyaa deemuun qorannoo gochuun barbaachisa.
4. Guddinni fuuldura mormaa hundi Quufaa Mormaa/Huccuba dhaa?
Lakki!
Guddinni mormaa hundi Quufaa Mormaa/Huccuba miti.
Sababoota biroo qabaachuu danda’a; fakkeenyaaf:
- Thyroglossal duct cyst
-Guddina lymph node
- Rakkoo salivary gland
- Lipoma
- Infekshinii fi abscess
- Rakkoo parathyroid gland
- Rakkoo ujummoo dhiigaa
- Tuuta ykn dhukkuba xannachoota mormaa biroo
''Mormi guddate ykn dhita’e hundi Quufaa Mormaa/Huccuba” jedhanii qorannoo malee murteessuun sirrii miti.
5. Quufni Mormaa/Huccubni yoo argame, qoricha kennuu dura maal gochuu qabna?
1️⃣ Seenaa dhukkubsataa gaafachuu
- Guddinni huccubaa yoom irraa eegale?
- Saffisaan guddataa jiraa?
- Liqimsuun itti ulfaataa?
- Hafuura baafachuun itti ulfaataa?
- Sagaleen jijjiiramee?
- Mallattooleen hormoonii thyroid baay’achuu ykn hir’achuu jiraa?
2️⃣ Qorannoo qaamaa
- Hammam guddaa akka ta’e
- Jabaataa ykn laafaa ta’uu isaa
- Qacceewwan meeqa akka jiran
- Sochii isaa
- Lymph node mormaa
- Kara qilleensaa (airway) irratti dhiibbaa qabaachuu isaa ni madaalama.
3️⃣ Qorannoo dhiigaa
TSH yeroo baay’ee qorannoo jalqabaa hojii thyroid madaaluuf gargaarudha.
Akka haala dhukkubsataa irratti hundaa’een T4 fi T3 illee qorachuun barbaachisaa ta’uu danda’a.
4️⃣ Ultrasound
Ultrasound’n:
- Hammam guddaa akka ta’e
- Qacceewwan meeqa akka jiran
- Amaloota qacceewwanii
- Lymph node mormaa
madaaluuf baay’ee barbaachisaa dha.
5️⃣ FNAC
Qacceewwan tokko tokko, bu’aa ultrasound fi qorannoo klinikaa irratti hundaa’uun, FNAC (Fine Needle Aspiration Cytology) barbaaduu danda’u.
6. Qorannoo malee PTU, Propranolol ykn Lugol’s iodine jalqabsiisuun rakkoo maalii qaba?
- PTU
PTU qoricha haala thyroid hormone olka’e tokko tokko keessatti fayyaduudha.
❌ Quufa Mormaa/Huccuba hundaaf kennamu miti.
Miidhaa tiruu cimaa fi rakkoo dhiigaa akka agranulocytosis fiduu danda’a.
Kanaaf, sababaa fi haala thyroid osoo hin beekin jalqabsiisuun sirrii miti.
- Propranolol
Propranolol namoota thyrotoxicosis qaban keessatti mallattoolee akka:
- Onneen saffisaan rukutuu
- Harki hollachuu
- Onneen rukutuun itti dhaga’amuu
to’achuuf gargaaruu danda’a.
Garuu:
Propranolol Quufa Mormaa/Huccuba ofii isaa hin balleessu.
- Lugol’s iodine
Lugol’s iodine haala yaalaa murtaa’e keessatti qofa fayyadama.
❌ Sababa malee iodine kennuun sirrii miti.
Iodine baay’inaan kennamuun hojii thyroid jeequu danda’a.
Kanaaf:
“Huccubni guddate; iodine haa jalqabsiifnu” jechuun qorannoo malee sirrii miti.
7. Yoo baqaqsanii yaaluu (surgery) karoorfame, dura maal gochuu qabna?
Quufa Mormaa/Huccuba hundaaf qorichi baqaqsanii yaaluu dura kennamu tokko miti.
Baqaqsanii yaaluu dura:
- Sababa isaa adda baasuu
- Hojii thyroid madaaluu
- Ultrasoundidhan qorachuu
- Yoo barbaachise FNAC qorachuu
- Kara qilleensaa irratti dhiibbaa jiraachuu madaaluu
- Retrosternal/Substernal extension jiraachuu qorachuu
- Kaansariin shakkame jiraachuu madaaluu
- Dhukkubsataa anesthesia fi baqaqsanii yaaluuf sirriitti qopheessuun barbaachisa.
Hyperthyroidism qabuun baqaqsanii yaaluu filannoo (elective surgery) dura, haalli thyroid isaa sirriitti to’atamuu qaba.
8. Quufni Mormaa/Huccubni yoom baqaqsanii yaaluu barbaada?
Baqaqsanii yaaluun yeroo:
- Kaansariin yoo shakkame ykn mirkanaa’e
- Hafuura baafachuu irratti dhiibbaa yoo uume
- Liqimsuu irratti rakkoo yoo uume
- Quufni Mormaa/Huccubni guddaan mallattoo dhukkubaa yoo uume
- Retrosternal/Substernal goiter jiraate
- Haala Toxic multinodular goiter filatamoo ta’an keessatti
- Haala Graves’ disease filatamoo ta’an keessatti
- Rakkoo mul’ataa ykn qulqullina jireenyaa irratti dhiibbaa guddaa yoo uume itti yaadamu danda’a.
9. ERGAA IJOO
- Quufni Mormaa/Huccubni hundi qoricha hin barbaadu.
- Quufni Mormaa/Huccubni hundi kaansarii miti.
- Quufni Mormaa/Huccubni hundi baqaqsanii yaaluu hin barbaadu.
- Guddinni ykn dhitoon fuuldura mormaa hundi Quufaa Mormaa/Huccuba miti.
DURA QORANNOO ~ SANA BOODA YAALA!
Sababa isaa haa beeknu; qorannoo irratti hundaa’uun yaala sirrii haa kenninu.
Qorannoo malee qoricha jalqabsiisuun rakkoo dhoksuu ykn miidhaa hin barbaachifne fiduu danda’a.
Ergaa Hawaasaaf
Guddina mormaa ykn Quufaa Mormaa/Huccuba yoo argitan, ofumaan qoricha hin jalqabinaa. Gara dhaabbata fayyaa deemuun ogeessa fayyaa irraa qorannoo fi gorsa sirrii argadhaa.
References
1. Schwartz’s Principles of Surgery. 11th ed.
2. Sabiston Textbook of Surgery: The Biological Basis of Modern Surgical Practice. 21st ed.
3. Bailey & Love’s Short Practice of Surgery. 28th ed.
4. Current Surgical Therapy. 14th ed.
5. Greenfield’s Surgery: Scientific Principles and Practice. 7th ed.
6. The Washington Manual of Surgery. 8th ed
Dr. Sinboonaa Araarsaa, MD
Gargaaraa Piroofeesaraa, Baqaqsanii Yaaluu Waliigalaa
MPH Epidemiology
0942622912
@HakimEthio
Forwarded fromHakim
August 31, 2026 553