Har’a Guyyaa Kulkula Tiruu Addunyaa (World Hepatitis Day) ti!
Guyyaan kunis waggaa waggaan akka addunyaatti Adoolessa 28 (July 28) kabajama.
Kaayyoon isaa hubannoo waa’ee kulkula tiruu, keessumaa kulkula tiruu vaayirasiin (viral hepatitis) dhufu uumuu fi babal’isuudha. Kana malees, dhukkuba kana ofirraa ittisuuf, qorannoo yeroo yerootti gaggeessuu, talaallii dhukkubicha ittisuuf gargaaru dursanii fayyadamuu, karaalee dhukkubichi itti daddarbu hubachuu, akkasumas yoo vaayirasiin kun dhiiga keessatti argame ta’e, saffisaan yaala barbaachisaa argachuuf kakaasuudha. Tarkaanfiiwwan kunneen du’aatii dhukkuba kanaan dhufu hir’isuuf gahee olaanaa qabu.
Keessumaa biyya keenya keessatti dhukkubni kun baay’inaan mul’achaa kan jiruufi lubbuu namoota hedduu galaafateedha. Kanaafuu, namni hundi qorannoo kulkula tiruu akka godhatu ni gorfama.
Odeeffannoo fayyaa argachuuf #link https://t.me/drabdiadugna miseensa ta'aa!
Dr. Abdi Adugna(MD)
Fayyaa hin dhabinaa!
Forwarded fromDr. Abdi Adugna (MD)

July 28, 2026 3K