13. Badhaasa Battalaa fi Badhaasa Boodaa Sammuun keenya bu'aa yeroo dheeraa caalaa gammachu/badhaasa battalaatiif dursa kenne. Amala kee itti fufsiisuuf badhaasa battalaa (fkn, amala raawwatte kalandarii irretti mallatteessuu) fayyadam
14. Amala Hordofuu fi Seera "Yeroo Lammaffaa Hin Kufin"
Amala kee guyyaa guyyaan galmeessuun kee onnee siif ta'a. Yoo guyyaa tokko sababa adda addaatiin dogoggorte, Lamaffa itti hin deebi'in. 'Lama Nan suufan!' jedhiitii hatattamaan gara sarara keetti deebi'i.
15. Seera Madaallii (The Goldilocks Rule):
Namoonni kaka'umsa guddaa kan argatan hojii dandeettii isaaniitiin wal-simate, baay'ee ulfaataa kan hin taane, baay'ee salphaas kan hin taane yoo hojjataniidha. Diinni guddaan guddina keetii nuffiidha malee kufaatii miti.
Mohammedamin Jeylan-tu qindeesse.
@Orobook
July 26, 2026 3K 4 12