DHIBEE SUKKAARAA Dhibeen kun akka addunyaatti saffisa guddaan dabalaa… — Dr. Abdisa Ejeta — TG.ME

DHIBEE SUKKAARAA
Dhibeen kun akka addunyaatti saffisa guddaan dabalaa kan jiru yoo ta'u bara 2040tti namoota Miliyoona 642 tu Dhibee kanaan qabama jedhamee tilmaamama. Dhibeen Sukkaaraa sababa hormoniin Insuliin jedhamu qaama keenya keessatti hangi barbaadamu madduu dhiisuu ykn hojii isaa sirriitti hojjechuu dadhabuu irraa kan dhufuu dha. Sababa kanaan qaamni keenya Sukkaara qaama keenya keessa jiru gara annisaa fi humnaatti jijjiiruu dadhaba. Yeroo kana hangi sukkaara dhiiga keessaa olka'aa ta'a jechuu dha.

MALLATTOOLEE DHIBEE SUKKAARAA :
Dhibeen kun harki caalaan dafee mallattoo hin agarsiisu. Sababa kanaaf namootni erga sadarkaa walxaxaa irra ga'ee yaala barbaadu. Kaan isaanii immoo dhibee biraaf ilaalamuuf yommuu dhufan dhiiga isaanii keessatti argamee itti himama. Garuu namoota muraasa keessatti mallattooleen akka daddafee beelessuu, bishaan ammaaf amma dheebossuu, fincaan daddafee qabuu, ulfaatinni qaamaa gadi bu'uu fi dadhabsiisuu itti dhaga'amuu danda'u.
Dhibeen kun dafee yoo hin yaalamin hafe qaamota akka Kalee, ijaa, onnee fi narvii miidhuu danda'a.
Dabalataan dhibeen Sukkaaraa dhibeewwan akka dhiibbaa dhiigaa, Ulfaatina garmalee fi olka'iinsa kolestroolii wajjin walfaana mudachuu danda'a.

# DHIBEE KANAAF MAALTU NAMA SAAXILA?
1. Maatii keessaa namni dhibee sana qabu jiraachuu (Kara Sanyii darbuu danda'a).
2. Sochii qaamaa hojjechuu dhabuu
3. Ulfaatina qaamaa garmalee(Obesity).
4. Nyaata sukkaarri itti baay'atuu fi kaalorii olka'aa qaban irra deddeebiin fayyadamuu.
5. Qorichoota ajaja Ogeessota fayyaan ala fudhachuu( Keessumaa Qorichoota steroid jedhaman kanneen akka prednisolone fi dexamethasone).
6. Umurii (gosa 2ffaadhaaf).
KANAAF MAAL GOCHUU QABNA?
- yeroo yerootti sakatta'amanii ilaalamuu.
- Sochii qaamaa hojjechuu
- Mallattoo dhibee kanaa yoo ofirratti argine gara dhaabbata Fayyaa deemnee ilaalamuu.
- Kuduraalee fi muduraalee baay'inaan fayyadamuu.
- Qorichoota ajaja Ogeessota fayyaan ala fudhachuu dhiisuu.

FAYYAA HIN DHABINAA
@Dr Wakjira Amanu

@Orobook
July 26, 2026 3K 3