Dhalataan Oromoo Falmataa Abdosh Itoophiyaa bakka bu’ee dorgommii dhiibba uumtota TikTok Tik Africa Challenge jedhamu irratti hirmaate 2ffaa bahuun xumure.
Dorgommii dhiibba uumtota biyyoota Afrikaa jiddutti Naayjeeriyatti dorgomaamaa tureen dubartii lammii diimookraatik Riipaablik Koongoo waliin xumuraaf kan dhaqqabe Falmataa Abdosh dorgommii falmiin jabaan irratti mul’ate taasisee jira.
Dhuma dorgommichaa irratti 2ffaa kan bahe Falmataa Abdosh mallaqa Naayjeeriyaa Miliyoona 10, Meedaaliyaa fi Iphone 17 Promax badhaafamee jira.
Falmataan ergaa galateefannaa ummata isaatiif dabarsee jira.
“Ummanni biyya keessaa fi biyya alaa dorgommii kana irratti jalqabaa kaaftani na faana dhaabbattan, akkasumas sagalee naa kennuun fi giftiin na cinaa dhaabbattan hundi keessan, isin na faana dhaabbachuun anaaf injifannoo injifannoo caalu, ulfaadhaa galatoomaa” jechuun ibsee jira.
Taphni jun nama kuma 200n kallattiin TikTok irratti daawwatamaa ture.
1
1September 4, 2026 688 1