Ayyaanonni Barii Birraa dura kabajaman Goobee fi Shinooyyeen kutaalee Oromiyaa garagaraa keessatti kabajaman jiru.
Goobee fi Shinooyyeen Ayyaana Ulfoo dargaggoonni fi shamarra jala bultii ayyaana guddicha Oromoo Irreechaa irratti taphataniidha.
Shamarranii fi dargaggoonni uffata aadaatiin faayamanii goobee fi shinooyyee shubbisaa fi dhichisaa aadaa fi duudhaa sabichaa beeksisu.
Ayyaanni Goobee fi Shinooyyee dargaggoonni fi Shamarran safuu fi safeefannaa ummata Oromoo eeganii dhaloota itti aanutti akka dabarsaniif gargaara.
Bara 2019 yeroo ayyaanni goobee fi shinooyyee kun akka haaraatti jalqabu miidiyaalee dhimmichaaf xiyyeefannaa kennani hojjataa turan keessaa OMN isa tokko.
Dargaggoon qaamaa qalbiin goobee yoo goobee sirbuuf gamaa gamana utaalu, shammarran ammoo Shinooyyee dhichisuun barii birraa simatu.
Waltajjii dargaggootaa fi shamarrani kan ta'e aadaan Goobee fi Shinooyyee ayyaanota dhufaatii irreechaa akeekan keessaa isa tokko.
Ayyaanni Goobee fi Shinooyyee Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Wucaalee, Aanaa Lumee, Sandaafaa Bakkee, Magaalaa Fiichee, Bishooftu fi Shawaa Lixaa Ada’aa Bargaa keessatti kabajaman jiraa.