Yaa’iin Sikkoo-mandoo Dhaddhacha Odaa Murtii Haaroomsuu Ardaa Jilaa Madda Walaabuutti adeemsifameen murtiilee garagaraa labse.
Yaa'iin Gadaa Arsii (Sikkoo Mandoo) Dhaddacha Odaa murtii deebisuu/haaromsuu Hagayya 18-20/2018 Ardaa Jilaa Madda Walaabuutti adeemsifame murtiilee garagaraa lallabee Jira.
Murtoowwan Dhaddacha Murtii Ardaa Jilaa Madda Walaabuu yaa'ii Gadaa Arsiitiin lallabaman;
-Dhaddachoonni murtii akka banaman,
-Sirni fuudhaafi heerumaa aadaafi duudhaa gadi dhiise akka sirratu,
-Godaansi seeraan alaa aadmalee waan ta'eef namni seeraan ala nama biyyaa baase gosti gumaa baasuu akka qabdu,
-Safuufi safeeffannaan laafe akka jabaatu
- Nageenyi waara'uu akka qabu,
-Bosonni lubbuu waan ta'eef kununfamuu akka qabu.
-Maddi Walaabuu bakka jalqaba itti irreeffatame ta'uufi
-Mariin Aadaa Oromoo ta'uun murteesse.
Abbootiin Gadaa Arsii akka ibsanitti Ardaan Jilaa Madda Walaabuu bakka seerri Gadaa bifa haarawaan sirreeffamee itti tumamefi lallabamu ta'uu kaasuun, maddi Walaabuu iddoo seenaa, Ardaa Jilaa, iddoo aadaa, iddoo amantaa, iddoo siyaasaa, leenjii fi bakka tarsima'aa ta'uu himaniiru.
Dhaddachi Odaa murtii kun dhiibbaa sirnoota darbaniin waggaa 144 ol addaan citee kan ture yeroo ammaa ardaan jilaa kun haaromee bakka isaatti akka deebi'uuf hojjetamaa jira.
Kanaanis iddoo Ardaa Jilaa Madda Walaabuu kanatti giddu galli Aadaa Madda walaabuu hojjetamaa kan jiruufi misoomaa kan jiru yoo ta'u, yaa'iin Gadaa Arsii ( Sikkoo Mandoo) Dhaddacha Odaa murtii haaromsuus ardaa jilaa kanatti geggeeffamee jira.
2August 27, 2026 727