Qabsaa'ota buleeyyii Oromoo keessa tokko kan ta'an Mejer Abbabaa… — OMN Telegram News channel — TG.ME

Qabsaa'ota buleeyyii Oromoo keessa tokko kan ta'an Mejer Abbabaa Gabramaariyaam du'aan addunyaa kana irraa boqotan.


Jeneraal Taaddasaa Birruu, Koloneel Hayiluu Raggaasaa, Dajjaazmaach Kabbadaa Buzunash faa waliin bara 1974 qabsoo Oromootti kan makaman Mejer Abbabaan qabsoo Oromoo keessatti nama gumaacha olaanaa qaban akka ta'an seenaan isaanii dubbata.


Qabsoo sana keessatti Jeneraal Taaddasaa Birruu fi Koloneel Hayiluu Raggaasaa harka diinaatti kufanii yeroo wareegaman, Mejer Abbabaa Gabramaariyaam aarsaa hedduu akka kafalanii fi dararaa hamaa akka argan ibsameeti jira.


Sana booda gara Sudaanitti baqatanii gara Ameerikaa akka imalan ibsameeti jira.


Bara 1940 kan dhalatan Mejer Abbabaan kaleessa Adoolessa 22 bara 2026 biyya Ameerikaatti du'aan addunyaa kana irraa boqotanii jiru.
❤2
July 23, 2026 1.5K