Godina Iluu Abbaaboor aanaa Algee Sachii keessatti daandii dhabuun… — OMN Telegram News channel — TG.ME

Godina Iluu Abbaaboor aanaa Algee Sachii keessatti daandii dhabuun uummanni rakkoo jabduu keessa jiraachuu himata.


Jiraattonni OMN'f yaada isaanii kennan, daandiin hin jiru, laggeen riqicha hin qaban, uummanni rakkoo hamaaf saaxilamee jedhan.


Karaan bahanii galan akka dhabame kan himan jiraattonni, sababa laggeen riqicha hin qabneef gandoonni walirraa cituu dubbataniiru.


Nama dhukkubsatee fi haadha ciniinsifatte karaan dhaabbata fayyaatiin gahanuu hin jiru jedhan.


Rakkoo kana qaama dhimmi ilaallatutti irra deddeebiin himatanii furmaata akka dhaban ibsaniiru.
July 23, 2026 1K