Qabsaawaa Oromoo fi miseensa buleessi ABO H/Leellisoo Kaawoo Warjii Adoolessa 21 bara 2026 du'aa addunyaa tana irraa boqatan.
Jaal Haaj Leellisoo Kaawoo Warjii Qabsaawaa buleessa, hayyuu Oromoo, haftee qabsaawota ganamaa, manguddoo argaa-dhageettii ta'uu isaanii seenaan isaani ragaa bahaa.
Haaj Leellisoon bara 1916 A.L.I abbaa isaanii Obboo Kaawoo Warjii fi haadha isaanii Aadde Bakuu Jiloo Boruu irraa kibba-baha Oromiyaa, Godina Arsii Bahaa, Ona Xiyyoo, Ganda Goraa Kiyyoo (Wanjii Goraa)tti dhalatan.
Haajii Leellisoon bu’uureessitoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa, akkasumas bu’uureessitoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) keessaa isaan tokko turan.
Haajii Leellisoo Kaawoo qabsaa'ota akka Koloneel Alamuu Qixxeesaa, Jeneraal Taddasaa Birruu fi gootota kanneen biroo waliin, warra tokkummaa Oromoof Doddota (Dheeraa) irratti warra qalma tokko Kiristaanaa fi Islaamaa osoo adda hin ba’iin waliin nyaatanii Oromoof dirree tokkummaa saquun, warra shira diinaa awwaalanii utubaa tokkummaa ijaaranii dha.
Haaji Leellisoon bara 1991, bara Chaartaraa, waajjira ABO Gullalleetti manguddoota Konyaa Kibba-Bahaa turan, kanneen akka Haaj Biftuu Fayyisoo, Waancaa Aarshii, Haaj Saaddoo Shuqaa, Ladiir Tasii, Miratuu Gamachuu, Jaal Nadhii Gammadaa fi Jaal Guutamaa Hawwas waliin ta’uun hojii qabsoo Oromoo irratti mari’achuu, karoorsuu fi qabsichaaf aarsaa guddaa kaffalan keessaa tokko turan jechuun ABO ibsa baaseen ibsee jira.
Yeroo ABOn dhiibamee mootummaa ce’uumsaa keessaa bahetti, of kenniinsaa fi kutannoo qabuun H/Leellisoon WBO waliin dirree kibba-bahaatti bahuun sochii qabsoo hidhannoo finiinsaa turuu isaani ABO’n ibsee jira.
Qabsaa'aan gameessi kun hanga gaafa lubbuun darbanitti siidaa tokkummaa Oromoo ta'uun ummata Oromoo jiddutti tokkummaa uumaa turuu isaani ibsee jira.
5July 23, 2026 1.3K