Yaa'iin Gadaa Sikkoo Mandoo Godina Baalee Bahaa Aanaa Raayituu, Dhaddacha Baldhaatti geggeeffamaa jiruun dhaddachi Baldhaan deebi'ee banamuu hordofee luba Gadaa shanan Dhaddachatti deebisuun murtiiwwan gurguddoo jaha lallabe.
Murtiwwaan gurguddoon lallabaman kunis, Dhaddachi Baldhaan deebi'ee akka banamu akkasumas dhaddachoota Sikkoo Mandoo hunda deebisuu, fuudhaaf heeruma ilaalchisee gabbarri hafuu akka qabuufi kanneen biroos lallabameera.
Kanamalees, godaansa seeraan alaa ilaalchisee; karaa seeraan alaa dargaggoonni abdii egeree ta'an faddaalaan gowwomfamanii biyyaa bahaa jiran akka hafuufi xiyyeeffannoon irratti hojjatamuu akka qabu ergaan darbe.
Uumanni Oromoo Arsii uummata safuu, safaffannaa aadaafi duudhaa mataa ofi qabu waan ta'een seenaafi eenyumaa isaa ganamaa eeggatee jiraachuu akka qabu lallabamee jira.
Nageenyaan walqabatee; nageenya waaraa lafa qabsisuuf hunduu nagaaf dursaa kennee, Waamichaa abbootii Gadaafi haadholii Siinqee dhagahee garaa nagaatti dhufuu akka qabu lallabameera.
3July 22, 2026 1.2K



