Taphataan garee biyyaalessaa Kaanaadaa dhalataan Oromoo Alii Ahimad… — OMN Telegram News channel — TG.ME

Taphataan garee biyyaalessaa Kaanaadaa dhalataan Oromoo Alii Ahimad dawwannaaf Itoophiyaa dhaqe.


Alii Ahimad yeroo boqonnaa isaa Itoophiyaa keessatti dabarsuuf har'a Finfinnee seenee jira.


Alii hoogganaa olaanaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Bahiruu Tilaahuun akkasumas aangawoonni olaanoon mootummaa Itoophiyaa buufata xiyyaaraa Idil addunyaa Booleetti argamuun simatanii jiru.


Waxabajjii 10 bara 2000 maatii hidda dhaloota Oromoo irraa Kaanaadatti kan dhalate Alii Ahmad, kilaba Toronto Oromia jedhamu keessatti taphataa kan guddate yemmuu ta'u, OSFNA keessatti kilaba isaa bakka bu'uun yeroo dheeraaf taphataa ture.


Aliin OSFNA booda kilaba Kaanaadaa Vancouver Whitecaps jedhamu MLS keessa taphachaa ture. 


Achi booda Amajjii bara 2026 gara Awurooppaa ce'uun garee Shaampiyoonship keessa taphatu Norwich Siitiif mallatteessee taphataa jira.


Gahumsa achitti agarsiiseen garee biyyaalessaa Kaanaadaaf waamamee waancaa addunyaa irratti taphataa ture.
❤2
July 20, 2026 1.4K